Kaarlii Fi'oorinaan: Imala milkii - barreessituurraa hanga hooggansa dhaabbilee daldalaafi siyaasaa gurguddootti

Maxxanfame

Kaarlii Fi'oorinaan hojii daldalaasaanii sadarkaa barreessituurraa jalqabanii har'a as gahuunsaanii shamarran/dargaggoota bakka guddaa gahuuf yaadaniif nama abdii kennaniidha.

Dubartiin kun hoggantuu dhaabbata daldalaa, nama siyaasaafi hojii gaarummaarratti hirmaataniidha.

"Yeroo kiyya keessummoota simachuun, bilbila dubbisuun, barreessuunan dabarsaa ture," jedhan.

"Ta'us hojii kiyyaaf bakka kennaan ture, yeroodhaan hojii seeneen bahan ture."

Aadde Kaarlii amma ganna 65 yoo ta'an, haala yeroo ganna 21 ta'anii hojiisaanii jalqabaa dhaabbata Paaloo Altoo Kaalifoorniyaatti jalqaban ture yaadatu.

Dhaabbilee adda addaa 'Fortune 50' keessatti dubartii hoggantuu jalqabaa ta'aniiru. Bara 1999 yeroo umuriin isaanii ganna 44 ta'anitti ammoo dhaabbata Hewlett-Packard (HP) hoggananiiru.

Gaazexaan Fortune waggoota shan walitti aananiif dubartii jabduu Ameerikaa keessatti daldalarratti hirmaatan jechuun beekamtii kenneeraaf.

Ta'us garuu yeroo hoggantuu HP turan sanitti turtiinsaanii hundi milkaa'inaan kan guutame hin turre.

Murtee bara 2001 morkataa daldalaa 'Compaq' waliin hojjachuuf murteessan baay'ee qeeqamaa ture. Achi boodas bara 2015 miseensota boordii waliin waliigaluu dhabuusaaniirraa kan ka'e hojiisaanii gadhiisaniiru.

Adadumaan Aadde Kaarliin gara siyaasatti bara 2008 gorsituu Joon Makeen ta'uudhaan makamaniiru. Makeen filannoorratti Baraak Obaamaadhaan mo'amaniiru.

Waggoota saddeet booda ofiisaaniiyyuu Paartii Riippaabiliikaan keessatti bara 2016 pireezidaantummaadhaaf kaadhimamtuu ta'anii turan. Ji'oota sagal booda lakkoofsi namoota filatanii gad aanaa taanan filannichaa keessaa of baasaniiru. Doonald Tiraamp yeroos pireezidaantii ta'uudhaaf deeggartoota heddu argataa turan.

Bara 1954 Awustiin, Teeksas keessatti dhalatan. Sababa abbaansaanii hojiidhaaf bakkeewwan adda addaatti deemaniif maatiinsaanii bakkeewwan hedduutti imalaniiru. Abbaansaanii piroofesara seeraa kan turan yoo ta'u, Abbaa alangaa itti-aanaa Ameerikaa ta'anii turan. Haatisaanii ogeettii fakkii turan.

Digiriisaanii Falaasamaafi Seenaa Jaarraa 5ffaa -15ffaatti ture barachuudhaan Yunvarsiitii Istaanfoord irraa eebbifamaniiru. Barnootasaanii digirii lammaffaa 'Business Administration' Yunvarsiitii Meeriilaand irraa argataniiru.

Bara 1980 dhaabbata teeknooloojii Ameerikaa AT&T jedhamu akka leenjitu ta'uudhaan seektara kanatti makaman.

Dhaabbata san keessatti jijjiiramasaan fidan baay'ee ajaa'ibsiisaa ture.

Bara 1990'tti seektara sanitti dubartii itti aantuu isaan jalqabaa ta'aniiru. Bara 1995'tti dhaabbata 'AT&T spinoff Lucent Technologies' daayirektara ta'anii tajaajilaniiru.

Dhaabbata 'AT&T' keessatti ture abbaa warraasaanii Firaank waliin wal arganii bara 1985 gaa'ela kan raawwatan.

Milkaa'inni isaanii dhaabbata HP akka hawatu taasisuun Adoolessa bara 1999 hoggansa guddaa dhaabbatichaarratti akka ramadaman taasiseera.

"Yeroo jalqaba HP'tti ramadamtu nama haaraa hin qacarre ture," jedhan. "Dhabbatichaaf akka nuti hojjachuu dandeenyu itti agarsiisuu barbaadeeti. Ergaa rakkinna jiru adda baafnee ofii keenyaa fala argachuu dandeenya jedhu dabarsuu barbaadeeti.

"Ta'us garuu boordiidhaan dhaabbaticha akka jijjiiruuf ture kan dhufe. Jechoota akkasii fayyadamanii turan."

Bulchiinsa Aadde Kaarlii keessatti baasiin hir'atee ture. Suuta suutaan dhaabbata HP fi 'Compaq' kan hojjattoota 145,000 qabau keessaa 30,000 hojiisaaniirraa ari'amaniiru. Mindaan hojjattoota 80,000 dolaara biiliyoona 87 ta'u irraa muramee ture.

"Hojjattoota hojiirraa ari'uun ni ulfaata," jedhan. "Yeroo ulfaataa san keessatti wantin godhuu danda'u ture maaliif murtee kana akka fudhe ibsuu qofa ture.

"Maaf hojjattoota ariina? Sababni isaas akkas hin goonu taanan akka gitoota keenyaa hojii kana keessaa baana waan ta'eef."

Yeroo HP fi Compaq bara 2002 waliin hojjachuu jalqaban sanitti dhaabbata addunyaa koompiitaroota dhuunfaa (PC) omishuudhaan isa guddaa turedha.

Boodarra dhaabbilee lamaan jiddutti wal dhabdee uumameen Aadde Kaarlii bara 2005 hojiisaanii akka gadhiisaniif gaafatamanii ture. Maallaqani tajaajilasaaniirraa argatan dolaara miiliyoona 21 ture jedhama.

Boodarra Aadde Kaarliin waldaa 'American Conservative Union' jedhamuuf hojjataa turan. Bara 2016 filannoo pireezidaantummaa Ameerikaaf Paartii Riippabiliikaanotaa bakka bu'aadhaan dorgomaa turan.

Haalli yeroos ture garuu gaarii hin turre jedhu.

Dabalataanis akkas jedhan: Adeemsa kaadhimamummaa ilaaltan hoggannaan sun hogganaa cimaa akka ta'uuf ni gargaaraa laata? Hogganaa cimaa filachuuf ni gargaaraa? Natti hin fakkaatu.

Filannoo pireezidaantummaa Ameerikaa Arfaasaa kana taasifamuuf deemurratti yaada maal qabdu jennaan, yaada kennuuf hayyamamoo hin taane.

Bakka addunyaan daldalaafi siyaasaa cimaa ta'etti wal'aansoon guddaan Aadde Kaarlii itti seenan yeroo bara 2009 kaansarii harmaatiin qabamanidha. Achii boodas harmasaanii lamaan yaalan murataniiru.

Isaanis haalli sun waan hedduu na barsiiseera jedhu. "Yeroo wajjiin cimaafi guddataa deeme - waa'ee hiriyyummaafi jaalalaa na barsiiseera, amantii kiyya akka jabeessu na taasiseera; akkasumas namoota hin beeknerraa gara laafummaa argadheera."

Hoggantuu seektara teenooloojii keessaa kan ta'an Mihaa'i Ivaaskuu Aadde Kaarliin, "hoggantuu abdii namatti horaniidha," jechuun dubbatu.

"Waan hojjatuu qaban qofarratti of hin daangessan," jedhan Obbo Ivaaskuun kan dhaabbata 'M3 Holdings' hoggananiifi gaazexaa 'Forbes'n namoota dhiibbaa uuman 30 jedhaman keessaa isaan tokko ta'uun beekamtii argatan.

Yeroo dhihoo as Aadde Kaarliin hojii tola-ooltummaa keessati hirmaataa jiru.