Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Waggootan 25f haadha warraa kiyyaaf guyyaa guyyaan walaloon barreessaaf’
Taatuun fiilmii beekamaa Piitar Gaardan waggootan 25 darbaniif guyyaa guyyaadhaan haadha warraa isaa Alisaaniif walaloo barreessuun boraatiishee jala kaa’aaf ture.
Erga haati warraa isaa kun duuteellee itti fufee barreessaaf ture. Maatiinsaa walaloowwan inni haadha warraa isaaf barreessu kana walitti qabanii onlaayiniirratti maxxansaniiru.
Dhiironni baayyeen waggaa keessaa guyyaa tokkollee haadha warraa isaaniitiif abaaboo kaasuu tokko kennuun gammachiisuu yeroo dadhabanitti, Gaardan garuu waggoota dheeraaf guyyaa guyyaan xalayaa barreessuufiifiin gammachiisa.
Gaardan waggoota hedduuf walaloowwan 8,500 jireenyaafi jaalala haadha warraasaa Alisaan waliin qooddatan barreesseera.
Walaloonsaas jaalala, abdiifi gammachuu jiru haalan ibsu.
Gaardan Piitar walaloo barreessuu bara 1980’oota keessa jalqabus bara 1990’tti hanama isheen sababa kaansarii sombaatiin bara 2016’tti duutetti guyyaa guyyaadhaan barreessuu jalqabe.
“Baay’ee itti gammaddi ture waan ta’eef kan biraas akkan barreessuuf eegdi turte,” jechuun yaadata.
“Barreeffama muraasa barreessuudhaan jalqabee boodarra garuu walalootti guddise. Walaloo barreessuuf kana ammoo yeroo mara boraatiishee jala kaa’aaf ture. Isheenis boraatiishee jala ilaaltee natti kenniti anis deebiyeen sagalanillee nan dubbisaaf ture.
“Anis itti kenneen osoo sagalee ol hin qabini dubbistee kaatee deebistee boraatiishee jala keessi.”
Walaloowwansaa 340 kuusaa isaa ijoollee dubartootasaatiin yeroo ammaa kanatti onlaayinii gubbaatti maxxanfamaniiru.
Walaloowwan muraasni isaas namoota beekamoo akka Juulii Heesmaandaafi Peerl Maakiidhaan dubbifamaniiru.
Muraasni isaanii haala salphaadhaan kan barreeffaman turan: “This universal Love is Pete’s/ I love her more than fruity sweets.”
“Baay’ee natti tolti ture,” jechuun yaadataan. “Yaadashee kallattiidhaan dubbatti, isa kana immoo ani baay’een jaalladhaaf.
“Isheen anaaf akka taatuuti – taatuu cimtuu. Garaa laafti ta’us garuu yeroo wal arginu waan keessa jirru ni daganna.”
Akkuma lakkoofsi maatii dabalu walaloonis walitti dhufeenya keenya hundarratti xiyyeeffachuu jalqabe.
Gaardan Piitar yeroo ammaa kanatti umuriin isaa jaarsa ganna 87 yoo ta’u, Tiyaatira Biyyaalessaa keessatti hojiisaa dhiheesseera. Fiilmii fi TV irratti beekamtii adda addaa argateera.
Alisaan diraamaa siitikoomii ‘The Lovers among other shows jedhamurratti bara 1970’oota keessa hojjateetti. Achii boodas daayirektara milkooftuufi barsiistuu diraamaa taate.
Gaardan Piitar kophummaan yeroo namni tokko sababa hojiitiin deemuu jiruufi gammachuu gara Alisaan saffisaan deemuu jiru walaloo, “Through star – and streetlight – I must kiss or die!” jedhuun ibseera.
Innis bu’aa bayii taatuu ta’uu keessa dabarses ibsuurraa duubatti hin jenne: “Maatii kiyya gargaaruuf jecha maallaqa argachuuf baay’ee dhama’aa ture,” jedhe.
Akkuma namoota biroo Gaardan Piitariifi Alisaan bu’aa bayii keessa darbaniiru. Waldhabdee keenya isa hamaa hin turre jedha. Guyyoota gaarii hin taane keessatti walaloo barreessuun ni ulfaata jedha.
Gaardan Piitar yeroo haati warraasaa hirriba keessa koorristu ni bareeda jedha.
“Waa’ee lukaafi rifeensa haadha keenyaa waan baay’etu jira,” jetti intaltisaanii Kaasiini.
“Ijji isheenis,” jedha Gaardan Piitar. “Baay’ee bareedu turan. ”
Bara 2015’tti haatti warraasaa kaansariidhaan qabamuunshee barame. Walaloonsaa haala yeroos ture kan ibsan turan. Erga isheen duute boodas guyyaa guyyaadhaan ta’uu baatus barreessuu itti fufe.
Du’a haadha warraasaatiin booda haala mana keessa jiru intalasaa Kaasii waliin mari’achuun walaloosaa gaarii ta’an onlaayiniirratti akka maxxanfaman murteessan.
Innis akkas jedhe: “Irra deebi’ee dubbisaa ture muraasnisaanii na boochisaniiru yookiin miira booyichaa keessa na galchaniiru.”
“Muraasni na kofalchiisaniiru. Miirri gammachuu yeroo hunda jira ture.”
Walaloowwansaa yeroo jalqabaatiif sirna kabaja du’a Alisaan waggaa afraffaarratti marsariitiirratti torbee darbe maxxanfaman.
“Jaalala waliif qabnu san baay’ee kabaja. Namoonnis akka beekan gochuun homaa hin qabun jedhee yaada,” jedha Piitar.
“Gaariidha jedhee yaada keessumaayyuu yeroo ulfaata kana keessatti.”
“Waan kana uggura duran yaadne. Gaarii ta’u jedhee yaadni kunis yaadannoo Alisaaan akka ta’u barbaada.”