Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'eelitti ambaasaadarri Chaayinaa 'manatti du'anii argaman'
Israa'eelitti ambasaaddarri Chaayinaa, Duu Weyi mana jireenyaa isaanii magaalaa Tel Aviiv keessatti du'anii argamuu isaanii midiyaaleen Israa'el gabaasaniiru.
Ga'eessi ganna 58, Duu Weyi, siree isaanii keessatti du'anii kan argaman yoo ta'u sababni du'a isaanii garuu maal akka ta'e hin gabaafamne.
Hojii ambaassadarummaa isaanii kan eegalan Guraandhala keessa yoo ta'u kana dura ergamaa addaa Chaayinaa ta'uun Yukireenitti tajaajilaa turani.
Ambaasaaddarichii kan bultoo qabaniifi abbaa ilmaa tokko yoo ta'an yeroo kanatti garuu biyya keessa waan jiran miti jedhame yaadama. Magaalaa Tel Aviiv keessatti mandara Herziliyaa jedhamu keessa jiraachaa turani.