Koronaavaayirasiin dinagdeen Jarmanii boodeetti akka deebii'u taasise

Maxxanfame

Biyya Jarmaniitti tatamsa'iina Covid-19 walqabatee baatiiwwan sadan bara 2020 keessatti qofaa dinagdeen biyyattii %2.2n gadi bu'uusaa ragaaleen mullisan.

Haalli kufaatii dinagdee amma mudate kunis erga bara 2019 wayita kufaatii dinagdee addunyaa mudateen miidhamtee as kan jalqabaati jedhameera.

Ragaan Waajira Istaastiksii ferderaalaa biyyattii irraa argame kunis tibba biyyattiin uggura ture kaasaa jirtutti ifa ta'e.

Biyyattiitti suuqiiwwan saaqamaa kan jiran yoo ta'u daa'immanis waluma jalaan gara mana barnootaatti deebii'aa jiru.

Kubbaan miilaa ammoo bakka ummataaf saaqaa hintaanetti deebii'ee eegalamaa jira.

Haaluma walfakaatuunis, ragaan baatiiwwan sadan bara 2019 kan walfakkaatu ilaalamee hirrina %0.1 qabaachuu millise.

Kana jechuunis waliigalli dinagdee Jarman walitti aansee kurmaana lamaaf guddina akka hinagariifne mullisa jedhameera.

Gabaasni kun kan akllattii gabaatiin ilaalame ta'u gabaasaan daldala addunyaa BBC Dhaarshini Deevid ni dubbata.

Dinagdeen Jarmaan sirrummaayyu osoo koronaavaayirasiin hinmudatiin dura tibba Chaayinaafi US wal balaalleeffannaa eegalanii qabee miidhamaa jiraachu eerera.

Jarmaniin biyyoota awurooppaa keessaa biyya dinagdee cimaa qabduudha. haa ta'u malee, kufaatiin dinagdee amma mudate kunis biyyoota ollaa kan biraa kan akka Faransaayi kan kufaatii %5.8 fi Xaaliyaan %4.7 mudateen waliin wali biratti yoo ilaalame baayyee badaa miti.

Mudannoon kunis sababii bulchiinsoonni Jarman 16 warshaaleefi eddoowwan ijaarsaa walkkaansaanii hojiirra akka turanii taasifamuufi motummaansi paakeejiiwwan of eeggannoo qabaachuun kan walitti hidhameedha.

Oggeessoonni dinagdee tokko tokkos tarii dhiibbaan uggurichaa caalaa kan mullatu qurmaana lammaaffaa keessa ta'a.

Ibsi biraa Waajiran Gamtaa Awuurooppaa (EU)n taasifame tokko akka mulliseetti ammoo, naannichatti baatii Amajjii hanga Bitooteessaatti kufaatiin dinagdee %3.8 mudateera.

Biyyoota miseensa gamtichaa 27 walumaagalatti kufaatii deenagde %3.3 mudateera. Haalli kunis carraa hojiirratti dhiibaa taasisuunsaas ibsameera.

"Dinagdeen Jarmaan erga jalqaba bara 2019 kaasee qarqara kufaatiirratti kan argamu yoo ta'u, amma sadarkaa itti dhokftu irratti hinargamu,'' jedha oggeessi dinagdee odaanaan naannichaa Kilaawuus Visitesen.