Isheen Eenyu 24: Imala jiruu haadha ijoollee torbaa-Herrega barsiisuutii hanga hoggansa ol-aanaatti

Madda suuraa, SE'ADA KEDIR
Maqaan kiyya Sa'aadaa Kadiir jedhama. Godina Arsii magaalaa Abboomsaatti dhaladheen guddadhe. Barnoota sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa magaalaa Abboomsaatti baradheen xumure.
Itti aansuudhaan dippiloomaa kiyya Koolleejjii Peedaagoojikaal Saayiinsii Baahir Daaritti barnoota Herreegaatiin eebbifame.
Barnoota digirii Yuunivarsiitii Finfinnerraa Herreegaan baradhee xumure. Digirii lammaffaa kiyya Yuunivarsiitii Azuusaa Paasifiki jedhamurraa dameesaa Itoophiyaarraa gosa barnootaa 'Organizational Leadership' jedhamuun baradhee eebbifame.
Imala gara hoggansaa
Hojii kiyya ogummaa barsiistuu Herreegaa sadarkaa tokkoffaa ta'uudhaan Godina Arsittin jalqabe. Boodarra barattoota sadarkaa lammaffaas barnoota Herreegaa barsiisuudhaan itti fufe.
Yeroodhaan boods barsiisummaa dhiisuudhaan gara waajjira barnootaa godina Arsiitti ogeettii (expert) ta'uudhaan hojjachuu jalqabe. Achiis itti gaafatamtuu piroojektiifi karooraa ta'uun waggoota muraasaaf tajaajile.
Biiroo Barnoota Oromiyaattis hoggantuu bulchiinsaafi faayinaansii ta'uudhaan ramadamee hojjataa tureera.
Sadarkaa godinaafi naannoorratti waggoota hedduuf erga tajaajile booda bara 1997 A.L.I hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii yeroosanii ta'ee muudame.
Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'immaniitti hoggantuu ta'ee waggoota 11'f hojjataa ture.
Erga Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'immaniitii bahee booda Ministira Qonnaa keessatti Ministira Deeyitaa ta'ee waggaa tokkoof hojjadheera.
Yeroo ammaa kanatti Waajjira Qindoomina Bu'uuraalee Misoomaa Federaalatti itti aantuu daayirektaraa ta'ee hojjachaa jira.
Namni hojii hojjatu kamuu danqaan adda addaa isa mudatuu danda'a. Ani hojii barsiisummaarraa jalqabee hamma hoggansatti danqaan na mudate jira.
Yeroo barsiistuu herreegaa ture sanitti dubartiin akkamitti herreega barsiisti jedhaa akka raajitti ilaalaa turan barattoonni. Yeroo kitaaba qabadhee barsiisuudhaaf gara kutaa deemuu dhuguma barsiisuufi moo nutti taphachuu jedhan ture.
Boodarra eega na ilaalan booda natti gammadaa barachuu jalqaban. Inni sun immoo hamilee naa ta'eera.
Hoggansarrattis ilaalichi dubartii nu hogganuu hin qabdu jedhutu ture. Dubartiin hoggansa hin dandeettu; hin beektu jedhan turan. Kunis hamma dandeettii kee ilaalaniif malee waan yeroo hunda turuu miti.
Milkaa'inna kiyya keessatti gaheen maatii kiyyaa guddaadha. Haadha ijoollee torbaa ta'uun bakka gahuu barbaaderraa na hin dhorkine.
Danqaa na mudataa ture hunda obsaafi ofitti amanamummaadhaan irra darbe.

Madda suuraa, SA'EDA KEDIR
Harka kennachuu dhabuu kiyya kan akka namoonni hoggansaaf na kaadhiman isaan taasise. Namoonni boodarra hojii kiyya erga argan booda natti boonu; natti gammadu ture.
Gammachuu hojii keessaa
Umurii hojii hojjadhe kana keessatti wanti jalqabaa na gammachiisuu barsiisftuu ta'ee hojjachuu kiyya.
Dubartoota Herreegaan yookiin fiiziksiidhaan hamma digirii sadaffaatti baratan akka horadhu na taasiseera.
Dubartii qofa osoo hin taane dhiirota hedduu akka horadhuuf sababa naa ta'eera.
Inni biraa hoggansa adda addaarratti dubartoonni jiraachuunsaanii baay'ee na gammachiisa.
Yeroo ani hojii jalqabu sadarkaa ministirraatti mitii sadarkaa gandaatti hoggansi dubartootaa hin jiru ture. Sababa bakka biraatti ni dandeetti jedhamee hin amanamneef waajjira dhimma dubartootaa keessatti hojjatu ture.
Jabinni kiyya harka kennachuu hin jaaladhu. Galma gahuu barbaadu san bira osoo hin gahin karraatti hafuu hin barbaadu.
Gara fuulduraarratti hojii hawaasummaa irratti hirmaachuu barbaada. Hojiilee dhimmoota dubartootaa fi daa'immanii, ijoollee haadha fi abbaa hin qabne gargaaruu fi hojiilee barnootaarratti hojjachuu barbaada.
Dubartoonni dursarratti ofitti amanamummaa qabaachuu qabu. Namni ofitti amanamummaa qabu tokko karoora harkaa qabu biraallee hojjachuu danda'a.
Inni biraa immoo miiraan jabaachuu qabu. Jireenya keessatti wanni fedhe osoo nama mudatee ni danda'a jedhee hojjachuu qaba.















