Waraana Iraan imaammata Yunaayitid Arab Emireetis qaxanaa sana keessatti qabdu jijjiire

Pirezidant Mohaammad Biin Zaayid

Madda suuraa, ASSWAK AL-ARAB

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Waraana Iraaniin booda Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) G istiraateejii qaxanaa sana keessati qabdurratti foyya'iinsa akka goote mallattooleen agarsiisan mul'achaa jiru.

Qaxanaa sana keessatti biyyattiin gama daldalaa, investimantii fi faayinaansiitiin wiirtuu akka taatetti ilaalamaa turte. Jijjiiramoonni waraana Iraan hordofee dhufan ammoo irra caalaan dhimma nageenyaa irratti kan fuullefate.

UAEn waldhabadee baqachaa turtulleen sababa waraana Iraaniin dhiibbaa keessa buute. Iraan haleellaa kutaalee biyyattii keessatti raawwatteen biyyattiin hangam saaxilamtuu akka taate akeekeera.

Imaammanni biyyattiin hordofaa turte kan 'Daldalaan nagaa fiduu' jedhu sababa haleellaa Iraaniin balaan isa mudateera.

Haleellaa kanaan nageenya amansiisaa osoo hin qabaatiin fageenya dheeraa imaluu akka hin dandeenye kan hubatte UAE, michuuwwanshee ijoo kan ta'an Israa'elii fi Ameerikaa waliin hariiroo waraanaa cimsachuu filatteetti.

Waraanni Iraan hariiroon fi hidhatni daldalaa qofti karaa dheeraa akka nama hin deemsiisne mul'iseera. Yunaayitid Arab Emireetis, haala siyaasaa baha giddugaleessaa yeroo yeroon jijjiiramu kana keessatti taatoo cimtuu taatee argamuuf murteeffatteetti.

Imaammatoota haaraa hordofuuf jettu keessaa wal'amantaa biyyoota qaxanaa sanaa waliin qabdu xiqqeessuun isa tokko. Fedhii siyaasaa, dinagdee fi anniisaa qabdu guutachuuf biyyoota qaxanaa saniin ala jiran irratti fuulleffachuu filatte.

Kanaafis agarsiistuu kan ta'u booda kana biyyoota akka Hindi, Yukireen, Giriik, Qoophiroosii fi Itoophiyaa waliin hariiroo qabdu cimsachuusheeti.

Waraana Iraaniin booda hariiroo qunnamtii alaa ishees haalan bal'ifachaa jirti. Kunis toftaa ittiin qaxanaa sana keessatti warra irree jabeeffatee siyaasa naannichaa keessatti qooda qabu ta'uuf karaa filattedha.

Ameerikaa fi Israa'eel waliin hariiroo tolfachuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Iraan kutaalee adda addaa Gamtaa Emeretota Arabaa keessatti haleellaa raawwachuun biyyattiin hariiroo dhimma alaashee kallatti haaraadhaan akka tolfattuuf karaa bane.

Imaammanni alaa duraanii biyyattiin hordoftu Dippilomaasii fedhii guddina dinagdee waliin walsimsiisuu kan jedhu ture.

Ameerikaa fi Iraan Eebla darbe waliigaltee dhukaasa dhaabuu erga godhaniin booda haleellaan isheerratti raawatamu gabaasuu itti fuftee ture.

Ministeerri Ittisaa biyyatti gabaasa ji'a Caamsaa darbe baaseen, waraanichi erga jalqabeee baalastik Misaa'elii 551, misaa'eloota kiruuz 29 fi dirooniiwwan 2,265 kutaalee biyyattii adda addaatti dhukaafamaniiru.

Tibba waraanichi jalqabetti Yunaayitid Arab Emiretis haalli jiru akka qabbanaa'uuf watwaataa turte. Waraanichi hoo'ee jennaan garuu ejjeennooshee ciminaan ibsachaa dhufte.

Waraanichi erga jalqabee yeroo jalqabaatiif ibsa kan kennan Pirezedaantiin Biyyattii Mohaammad Bin Zaayid, "qiyyaaffama salphaa miti. Yeroo kamuu caalaa jabaannee keessaa baana' jedhan.

Iraan Yunaayitid Arab Emiretis irratti haleellaa kan raawwattu buufatawwan waraanaa Ameerikaa biyyattii keessa waan jiraniifi israa'eel waliin hariiroo waan qabduuf akka ta'e ibsite. Kunis Abudaabiin dhimma nageenyashee haalan akka ilaaltuuf carraa kenneef.

Gorsaan Pirezedaantichaa Anuwaar Garagish akka jedhanitti, haleellaan Iraan biyya isaanii irratti raawwatte hariiroo nuti dhimma nageenyaa irratti Ameerikaa waliin qabnu daranuu cimsa jedhan.

Ameerikaa waliin ta'uun nageenya Ulaa hormuuz kabachiisuuf bobba'uuf kan karoorfattes kanumarraa ka'uuni.

Abudaabiin Israa'eel waliiniis hariiroo waraanaa cimaa akka qabdu miidiyaaleen Arabaa fi Israa'eel gabaasaniiru.

Miidiyaan 'I 24 News', Faayinaanshaal Taayimsii wabeefachuun akka gabaasetti, Israa'eel Gamtaa Emereetota Arabaatiif meeshaa ittisa qilelensarraa ammayyaa ta'e kenniteetti.

Meeshaalee kunneen keessaas Ayiran Biim fi Ayiran Doom akkasumas meeshaan basaasaaf oolu 'ispeektiroo' jedhamu keessatti argamu.

Abudaabiin gabaasawwan kunneen irratti ifatti deebii hin kennine. Pirezedaantiin Israa'eel Beniyaamiin Netanaahuun, waa'ee waraana Iraan irratti Pirezedaant Binzaayid waliin mari'achuu himanis, odeeffannoowwan kennaa Meeshaa waraanaa kana garuu haalaniiru.

Hariiroo waraanaa cimsuun cinaatti dhimma nageenya biyyaalessaa kan ilaaleen tarkaanfiiwwan haaraa ta'an akka fudhattu Gamtaan Emereetota Arabaa himti.

Hayyuun biyyattii Abduul Kaaleeq jedhamu adeemsa kana 'UAE Haaraa' jechuun ibsu. Biyyattiin fedhiiwwanishee kabachiisuuf tarkaanfiiwwan kutannoo qaban fudhachaa jirti jechuunis himan.


Arra halkan magaalaa keessaa mul'atu

Madda suuraa, Muskaan Kataria

Fedhiiwwan qaxanaa sanaa

Waraanni Iraan yeroo deemaa turetti Yunaayitid Arab Emireetis kaawunsiliiwwan gamtoomaa qaxanichaa akka Liigii Arabaa fi gamtaa biyyoota galoo galaanaa irratti sagaleeshee olkaastee dhageessisaa turte

Gorsaan Pirezedaant Binzaayiid, Anuwaar Garagish, akka jedhaniitti Gamtaan biyyoota galoo galaanaa ejjennoon waraana sanarratti mul'ise seenaa keessatti ejjennoo dadhabaadha jechuun ibsu.

Kana malees biyyootni galoo galaanaa nageenya qaxanaa sanaa irratti balaawwan uumaman irratti deebii kennu irra deebiin xinxaluu qaba jedhu.

Biyyootni galoo galaanaa ejjennoon Iraan irratti qaban fashaluu fi ofdanda'uu fi herreega isaanii irra deebiin akka sakatta'an dhaaman

Gamtaa biyyoota boba'a omishanii keessaa bahuu

Abudaabiin gamtaa biyyoota boba'a omishanii (OPEC) keessaa bahuu ji'a caamsaa darbe ifa goote.

Gamtaa sana keessaa bahuuf murtiin darbe kan siyaasaa akka hin taane angaa'onni biyyattii himanis, gamtaawwan biroo akka liigii Arabaa fi gamtaa biyyoota galoo galaanaa keessaahoo nibaatiiree kan jedhu gaaffii kaaseera.

Biyyootni Arabaa fi Musliimaa deebiin isaan haleellaa Iraan irratti kennan akka ishee hin gammachiifne UAE ifaan ibsite.

Gorsaan Pirezedaantichaa gamtaawwan kunneen yeroo haleellaan biyya isaanii irratti raawwatamu kan isaaniif qaqqabe akka hin jirre himan.

Xinxaltoonni akka jedhanitti, Gamtaan Emereetota Arabaa OPEC keessaa kan baate dhimma anniisaatiif osoo hin taane hiriira Ji'oopolotikaa qaxanaa sanaa sirreeffachuuf yaaddeeti.

Garaagartee Sawudii waliinii

Garaagarteen Saawudii Arabiyaa fi Gamtaa Emereetota Arabaa gidduu jiru yeroo Waraana Iraansi itti fufe. Biyyootni lamaan dhimmoota hedduu irratti ejjennoo walii faallaa ta'e qabu.

Saawudiin duuba duuba Iraan qeeqxulleen fuulduratti baatee yoo dubbattu hin mul'attu. Inumaa fala dipilomaasii filatti.

Biyyootni lamaan dhimma israa'eel irrattis ejjennoo adda adda ta'e qabu. Saawudiin gaaffii jaalummaa Filisxeem osoo hin deebine hariiroon Israa'eel waliinii fayya qabeessa akka ta'u hin barbaaddu.

Saawudiin OPEC keessatti warra dhiibbaa uuman keessaa tokko taatee osoo jirtuu Gamtaan Emereetota Arabaa gamticha dhiistee bahuuf murteessuunis qabxii biraati.

Dhimma Yemenii fi Siiriyaa kan ilaaleenis biyyootni lamaan ejjennoo adda addaa qabu. Abudaabiin finciltoota Yemeniif kallattiin deeggarsa waraanaa akka gootuu fi dhiibbaan uumtu akka dabalus barbaaddi.

Saawudiin ammoo dhiibbaashee kana ofduuba deebisuu barbaaddi. Abudaabiin faallaa kanaatiin doolaara Biliyoonaan lakkaa'amu Riilisteetii, Turizimii fi Teknolojii irratti dhangalaasuu filatte.

Buufata doonii Jabal Alii

Madda suuraa, Reuters

Michuu baay'ifachuu

Imaammanni haaraan Gamtan Emereetota Arabaa hordofuuf murteesite inni tokko michuuwwan haaraa baay'ifachuudha.

Faayidaawwan tarsiimoo guddifachuuf michuu dabaluun karaa adda addaatiin humna jabeeffachuuf akka gargaaru xinxaaltonni nihimu.

Saawudii, Ijipti, Paakistaan, Turkii harriiroon isaan walii isaanii waliin qaban Abudaabiin michuuwwan haaraa mataashee akka uummattuuf Sababa ta'eera.

Yukireen, Hindi, Itoophiyaa, Giriikii fi Qophiroos waliin hariiroon uumaa jirtu kanaaf agarsiistuudha.

Gaanfaa Afrikaa fi galaana diimaa irratti wal'aansoon biyyootni giuguddoon olaantumma isaanii mul'isuuf taasisaa jiranis cimaa jira.

Imaammanni Abudaabiin tarkaanfachiistu Paakistaan waliin muffii keessa galcheera. Islaamaabaad idaa Gamtaa Emereetota Arabaa isheerra jiru daangaa guyyootaa keessatti kanfaluu akka barbaaddu ibsuun agarsiistuu hariiroo Saawudii waliin qabduuti jedhamee ibsame.

Saawudii fi Paakistaan waliigaltee waraanaa walii isaanii waliin qabaniin biyya tokkorratti haleellaan yoo raawwatame akka biyyoota lamaan irrattuu raawwatameetti lakkaa'u.