Ameerikaa: Loltuun Ameerikaa Pireezidantii Veenzu'eelaa fonqolchuuf shiraa akka ture TV biyyaalessarratti dubbate

Madda suuraa, EPA
Loltuun Ameerikaa TV biyyaalessaa Veenzuweelaa irratti dhiyaatee Pireezidantii biyyattii Nikoolaas Maduuroo aangoorraa fonqolchuun Ameerikaatti geessuuf shira tolchaa akka turan amane.
Liyuuk Deenmaan Sanbataafi Dilbata darbe namoota 13 mootumman to’annoo jala oolche keessaatii. Mootummaan Veenzuweela namoota kanaan hidhattoota shirri isaanii jalaa fashalee jedheera.
Roobii darbe dargaggeessi ganna 34 lammii Ameerikaa ta’e Denmaan televiziyoonaa biyyaaleesaa Veenzuweelaarratti mula’achuun Kolombiyaatti leenjii kenna erga turee booda magaalaa guddoo Veenzuweela Kaaraakaasitti deebi’ee Pireezidant Maduuroo butuuf shiruu dubbate.
Deenmaan Kolombiyaatti lammiilee Veenzuweelaa filataman leenjisuuf qacarame. Achii ammoo Kaaraakaasitti deebi’ee buufata xiyyaaraa biyyattii to’achuun Maduuroo biyyaa baasuuf ture.
‘’Lammiileen Veenzuweelaa biyyaa isaaniirratti deebi’anii abbaa akka ta’aniin gargaaraa tue’’ jedha miseensi opireshinii adda Ameerikaa kun viidiyoo TV irratti tamsa’een.
Loltuun Ameerikaa kun lammii Ameerikaa kan biraa Ayireen Beeriy jedhamu waliin nama Jordaan Goodre’aa jedhamuun dhalootaan Veenzuweelaa ta'eefi Filooridaa jiraatuun hojii kanaaf filatamuus dubbateera.
Veenzuweelaan Goodre’aa kan shira kana keessaa harka qabaachuu amane biyyatti akka deebi’uu barbaaddi.
Akka pireezidant Maaduuroon jedhanitti dhaabbatni ‘Silvar corp’ kan Goodre’aan hoogganamu hogganaa dhaaba mormituu Ameerikaafi biyyootni Awrooppaa akka bakka bu’aa sirrii Veenzuweelaatti ilaalan waliin waliigaltee mallatteesseera.
‘’Doonaald Tiraamp ammoo ergama kana olaantummaan hoogganaa’’ jedhan pireezidant Maaduuroon erga viidiyoon loltuu Ameerikaa tv’n tamsa’ee.
Maaduuroon Ameerikaan sirna haqaa haqummaa qabu argatti jechuunis dhaadatan.
Waayee qabiinsa namoota hidhaman kanaa wanti beekame hin jiru.
Pireezidant Maduuroon yeroo hedduu Pireezidant Tiraamp biyya isaanii weeraruu akka barbaadaniifi aangoorraa isaan fonqolchuufis fedha akka qaban dubbachaa turan.
Tiraamp gama isaaniin himannaa gara Veenzuweelarraa dhagaahamu kanaaf deebii Ameerikaan dhimma akkasii keessa hin gallee jedhu kennaniiru.
Lammiilee Ameerikaa Veenzuweelaatti qabamuu hordofees Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Mayik Pompiyoon, mala kamiinuu lammiileen keenya biyyatti akka deebi’an goonaa jedhan.
Yaalii fonqolchaa mootummaa kanaan walqabatee namootni hidhanno qaban saddeet ajjeefamuufi 11 biroon qabamuu Veenzuweelaan beeksifteetti.
Lammiileen Ameerikaa lameen miseensota waraanaa biyyattii yoo ta’an mootummaan Ameerikaa amma miseensummaan ala jiru jechuun haaleera.














