Koronaavaayiras: Xiyyaara Somaaliyaatti kufee caccabeen namoonni ja'a lubbuun darbe

Bakka xiyyaarri itti caccabe

Madda suuraa, @HARUNMARUF

Maxxanfame

Xiyyaarrii meeshaalee ittisa Koronaavaayirasiif barbaachisaan qabattee balali’aa turte Kibba Somaaliyaa naannoo Baradale jedhamutti kuftee namonni jaha du’an.

Ministeera Geejibaa Somaaliyaa Mohaammad Saalaad waabeffachuun Rooyitars akka gabaasetti balaa guyyaa kaleessaa sa’a booda qaqqabe kanaan namootni xiyyaaricha keessa turan jahanuu du’aniiru.

Ministeerri Geejibaa Kibba Lixa Biyyattii Hasan Huseen Mohaammad BBC’tti akka himanitti namoota xiyyaaricha keessa turan keessaa lama lammiilee Somaaliyaa kan biroon lama ammoo kan Keeniyaati.

Xiyyaarichi qubachuuf yeroo jedhu balaan kun irra gahuun kan ibsame yoo ta’u, Mohaammad sababni balaa kanaa maal akka ta’e qoratamaa jira jechuun odeeffannoo dabalataa kennuurraa of qusataniiru.

Ministeerri Ittisaa duraanii biyyattii Rooyitarsitti dubbatan ammoo nama ijaan argeera jedhanirraa xiyyaarichi rukutumee kufuu hubachuu dubbatan.

Naannoo xiyyaarri kun itti kufe gareen hidhattoota al-Shabaab kan keessa socho’an yoo ta’u, loltoota Somaaliifi Itoopoiyaatiinis marfamee eegama.

Xiyyaara kufe kana keessa Payilatii, gargaaraa paaaylatii, Injinara balalii, paayilatii shaakkalliirra jiru kan biroo fi hojjettoota daandii xiyyaarichaa lama turan. Dandiin xiyyaaraa kun (Afrikaan Express Airways) qabeenyummaan isaa kan lammii Keeniyaati.

Namoota xiyyaaricha keessa turan keessaa reeffi namoota shanii argamee kan tokkoo barbaadamaa jira.

Qorannoo balaa kanaaf ganama kana ogeeyyii bakka sanitti kan ergaman yommuu ta’u, dhaabbilee idila addunya hojii kana gargaaruu fedhan akka simataniis Ministirri geejibaa biyyattii himaniiru.

Ministirri Ittisaa duraanii biyyattii Abdulrashiid Abdullaahii Mohammad, nama xiyyaarichaa kufu ijaan argeera jedhan irraa akka iyyaafatanii Rooyatarsitti himanitti, xiyyaarichi jalqaba qubachuuf jedhee dirree qubaturra bineensotni waan jiraniif ol deebi’ee naanna’ee deebi’uuf yoo jedhu rukutame.

Xiyyaarichi akkamiin kufe kan jedhurratti yaada garaagaraa kennamaa jiru irratti Ministeerri Geejibaa Somaaliyaa amma yaada kennuurraa of qusateera.

Itoophiyaan Somaaliyaa keessaa Bayidawaa fi Bardalee keessaa toltoota gaaddisa erga nagaa eegsisuu Gamtaa Afrikaa jalatti socho'an qabdi.

Odeeffannowwan hin mirkana'iin loltooota Itoophiyaatu xiyyaara kana rukute jedhamurratti deebii akka nuu kennan bilbillaan kan dubbifne hojjetaan Kominikeeshinii Ministeera Ittisaa Itoophiyaa dhimma jedhamurratti odeeffnnoo kan hin qabne ta'uu himaniiru.

Garee al Shaabaab irraas hanga ammaa wanti balaa kana ilaallatee jedhame hin jiru.