KALLATTIIN, Iraan qabeenyashee dhorkame keessaa dolaarri biliyoona ja'a gadhiifamuufiif akka jiru ibsite

Iraan qabeenyashee dolaara biliyoona 12 akka hin sochooneef dhorkame keessaa walakkaa kan ta’u gadhiifamuufiif akka jiru pirezidantiin biyyattii Masuud Peezeeshkiyaan dubbate.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Weerarri Iboolaa Afrikaa dolaara biliyoona 3.6 baasisuu danda'a' - UN

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Weerarri dhibee Iboolaa Afrikaa dolaara biliyoona 3.6 baasisuu danda'a'

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii weerarri dhibee Iboolaa Afrikaa dolaara biliyoona 3.6 baasisuu danda'a jedhe. Kana malees hojiiwwan dhibba hedduutti lakkaawamanis dhabsiisuu danda'a jedhame.

    Iboolaan danqaa misoomaa jabaa ta'uus akka danda'u UN himeera. Weerarri dhibee Iboolaa gosa vaayirasii Bundibugyoo jedhamuu Caamsaa 15, 2026 kaasee Rippaablika Dimookraatawa Koongootti namoota 1, 307 irratti kan argame yoo ta'u, namoota 377 immoo ajjeesuu mootuimamaan biyyattii beeksise. Dhibee kanaaf qorichi ykn talaalliin mirkanaaye hanga yoonaa hojiirra oole hin jiru.

    Yugaandaa keessatti namoota muraasattti argameera. Ogeeyyiin carraan biyyoota ollaa akka Sudaan Kibbaa fa'itti babal'achuun isaa olaanaa ta'uu akeekkachiisan.

    "Yoo leeccalloo qabaanne weerara vaayirasii kanaa to'achuu fi kasaaraa inni fidu to'achuu dandeenya" jetti Koongootti bakka buutuun Sagantaa Misoomaa UN Dameen Maamaa.

    "Yoo kana hin goone, balaan muddaan fayyaa inni fidu gadi fagoo fi yeroo dheeraaf kan naannicha gaaga'u" akka ta'e himti.

    UNDP'n weerara kanaan taateewwan mudachuu danda'an sadi kaayeera.

    Taateen irra wayyoo, weerara kana biyyoota lama keessatti to'achuu dandeenya kan jedhu, baasiin Koongoof qofa dolaara biliyoona tokko jedha gabaasichi.

    Carraa (taatee) irra hamaan, dhibeen kun Ruwaandaa dfi Angoolaatti babal'achuu dha. Gatii boba'aa waraana Iraan hordofee qaalayeen GDP ardichaa dolaara biliyoona 3.6 kasaarsuu danda'a. Hojiiwwan 328,000 dhabsiisuus mala kan jedhudha.

  2. Lolaan magaalaa guddoo Gaanaatti namoota 13 galaafate

    Balaa lolaa kanaan konkolaattonniifi manneen bishaaniin liqimfamaniiru

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Balaa lolaa kanaan konkolaattonniifi manneen bishaaniin liqimfamaniiru

    Magaalaa guddoo Gaanaa Akiraa keessatti lolaa hamaa mudateen yoo xiqqaate namoonni 13 lubbuu dhabuu gartuun lubbuu baraaruurra bobba'e beeksise.

    Mootummaan yaaddoo balaa kanarraa kan ka'e namoonni manaa akka hin baane yookiin bakka lafa ol ka'aatti akka sosso'an waamicha dabarseera.

    Eejansiin haala qilleensaa biyyattii akka akkeekkachiisettimmoo gama bahaatii roobi cimaan ni eegama.

    Lolaan gaafa Dilbataa xiqqaataa adeemaa jira ta'us lakkoofsi namoota du'anii dabaluu mala jedheera Tajaajilli Farra sodaa Ibidda Biyyaalessaa Gaanaa.

    Bakkeewwan teessumni lafa isaanii gad - aanaa ta'e balaa lolaa kanaan miidhamaniiru.

    Viidiyoowwan miidiyaa hawaasummaa irratti qoodaman manneeniifi konkolaattonni liqimsaman akkasumas gamoowwan manca'u mul'isaniiru.

  3. Mormii farra-godaantotaa jabaate hordofee Afrikaa Kibbaatti humni nageenyaa hedduun bobbaafaman

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Mormii farra-godaantotaa jabaate hordofee Afrikaa Kibbaatti humni nageenyaa hedduun bobbaafaman

    Mormii farra-godaantotaa karaarraa jabaachaa dhufe hordofee Afrikaa Kibbaatti humni nageenyaa hedduun bobbaafaman.

    Kutaalee biyyattii baay'ee keessatti sodaa mormiin godaantotarratti uumame gara ookkaraatti jijjiiramuu mala jedhuun poolisoonni hedduun bobbaafamaniiru.

    Pirezdant Siiriil Raamaafoosaa mormitoonni godaantota "doorsisuu, itti dhaadachuu fi gyyyaa dhumaa bahuu qaban itti kaasuurraa akka of qusatan" waamicha godhan.

    Mormitoonni guyyaa dhumaa godaantonni sadan jireenyaa hin qabne biyyattii gadhiisanii bahuu qaba jedhan beeksisanii jiru.

    Godaantonni baay'een ookkaraa fi doorsisaan yaadda'uun biyyattii gadhiisanii bahanii jiru.

    Poolisiin Afrikaa Kibbaa akka beeksisetti hanga ammaa godaantonni 25,000 biyyattii gadhiisanii bahanii jiru. Irra caalaan biyyoota Afrikaa irraayi.

    Lammiin Maalaawwii sanada jireenyaa malee biyyattii keessa jiraachaa turee fi amma gara biyya isaatti deebi'e tokko "Biyyya kootti deebi'uu kootiin nan gammada. Ijoollee koo afran dhiisee dhufuun garuu onnee nacabseera" jedhe.

    Johaannisbarg iddoo mormiin keessatti deemaa jiru keessaayi. Karaa hin baramneen magaalaa tana keessa sochiin laafeera. Callifteerti magaalaan tun.

    Suuqonni cuccufaman. Poolisiin karaarra guuteera.

    Poolisiin namoota shan kan wiirtuu daldalaa magaalattii taate Soweetoo keessa nama suuqiiwwan lammiilee alaa saamaa turan to'achuu hime.

    Lammiileen biroo shan kutaa bulchiinsaa KwaZulu-Natal keessa iddoo Hammarsdale keessaa dunkaana cabsanis qabuu poolisiin himeera.

    Iddoowwan daldalaa giddugaleessa Darbaan keessaa cuccufamaniiru.

  4. WhatsApp'n lakkoofsa bilbilaa malee hojjechuu jalqabuufi

    Namoota bilbila harkatti qabatanii jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    WhatsApp'n fayyadamtoonni lakkoofsa bilbilaa isaanii osoo hin qoodiin maqaa fayyadamaa(username)dhaan qofa akka tajaajilaman gochuufi.

    Ji'oota dhufan keessatti akkaawwuntiin biiliyoona sadii tahu tajaajila kana akka argatu taha.

    Ammaan booda aappii kanarratti fayyadamtoonni maqaa fedhan qofa keewwachuu danda'u garuu dirqamaa miti.

    Maqaa fayyadamaa kanas namoonni yeroo barbaadanitti geeddaruu ykn haquu danda'u.

    Yeroo hojimaatni kuni guutummaatti hojiirra oolu fayyadamtoonni WhatsApp lakkoofsa bilbilaa osoo hin kenniin fayyadamuu danda'u. Ergaa hin barbaachifne mala kanaan 'block' ykn 'report' gochuun danda'ama.

    Maqaan fayyadamaa qubee 35tti kan daangeffame yoo tahu maqaa namoota beekamoon alatti fayyadama maqaa irratti daangeffamni guddaan hin jiraatu.

    Meetaan fayyadama maqaa kana hojimaata kana imaammata mateenyaati jedheera.

  5. Biiliyanarri duraanii Chaayinaa US'tti hidhaa waggaa 30'n adabame

    Guu Weenguun

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Guu Weenguun daldalaa sooressa Chaayinaa akka tahetti yaadamaa ture doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu waliindhahee argachaa turuusaan Ameerikaatti hidhaan ganna 30 irratti murameera.

    Abbaan qabeenyaa duraanii kuni bara 2017tti ture Chaayinaarraa baqatee US galuun Paartii Koministii biyyatti kan qeequu jalqabe kanaanis onlaayinii irratti hordoftoota hedduu horateera.

    Booda garuu namni kuni daddabarsa maallaqaa seeraan alaa fi qarshii waliidhahuun himatamee balleessaan irratti murameera.

    Daanyaan Niiw Yoork Anaaliisaa Torees, namni kuni ''kanneen Chaayinaatti demookiraasii fiduu fedhan adamsuun qarshii isaanii fudhatee jireenyasaa qananii ittiin jiraachaa ture,'' jette.

    Akaa abbaan alangaa jedhutti namni kuni bara 2018-2023 gidduutti hordoftoota onlaayinii invastimantii kiriiptookaaransii waliin hojjetaa turanirraa doolaara biiliyoona tokko horateera.

    Abukaatoo Guu BBC'n quunnamuu yaalee ture.

    Guu'n maqaa garagaraa Maayiilis Guufi Hoo Waan Kiwook jedhaman fa'an of waamaa ture dhaddacha deeggartoonnisaa walitti qabamanitti adabbiin irratti murame.

    Abbaan Alangaa Ameerikaa Shoon S Baaklii, ''carraa seera qabeessa isaaf kennameen quufuu didee, amantii namooti kaan irraa qaban kakaatummaasaaf fayyadame,'' jedhe.

    'Har'a beekamtiifi qabeenyi seeraan olitti akka si hin goone adabbiin kuni garsiiseera. Kanneen of duroomsuuf qarshii maatiifi hiriyyaa waliin dhahan gatii isaanii argatu,'' jedhe Shoon.

  6. Iraan qabeenyashee dhorkame keessaa dolaarri biliyoona ja'a gadhiifamuufiif akka jiru ibsite

    Pirezidant Masuud Peezeshkiyaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraan qabeenyashee dolaara biliyoona 12 akka hin sochooneef dhorkame keessaa walakkaa kan ta’u gadhiifamuufiif akka jiru pirezidantiin biyyattii Masuud Peezeeshkiyaan dubbate.

    Ameerikaa fi Iraan waraana ji’oota afur ture dhaabuuf waliigaltee mallatteessanirratti dhimmoota tarreeffama keessaa tokko qabeenya Iraan dhorkamee turedha.

    Marii hanga ammaatti taasifaman keessatti Iraan dinagdeeshee rakkoo keessa jiruuf boqonnaa argachuuf qabeenyi kun akka gadhiifamuuf cimsitee gaafachaa turteetti.

    Sanadii waliigaltee torban lama dura mallattaa’e akka ibsutti Ameerikaan “fandiiwwan dhorkaman undi akka gadhiifaman gochuuf” itti gaafatamummaa fudhatteetti.

    Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan kaleessa qabeenya dhorkame kessaa harki walakkaa akka gadhiifamuufiif jedhu dubbateera.

    Qabeenya waliigalaa dolaar biliyoona 12 ta’u Qaataar keessa jiru keessaa dolaarri biliyoonni ja’a gadhiifamee akka gara biyyaatti deebiyu dubbachuu pirezidaantichaa IRNA gabaaseera.

    Qabeenya isa hafe gadhiisisuufis carraaqqiin akka itti fufus ibsameera.