Pireezidaantiin Naayijeriyaa Muhaammaduu Buhaarii nama lubbuun hin jirre aangootti muudan

Maxxanfame

Pireezidaantiin Naayjeeriyaa Muhaammaduu Buhaarii nama ji’a lama dura du’e, Tobaayas Chukwumekaa Okwuuruu miseensa boordii dhaabbata mootummaa gochuun muudan.

Buhaariin xalayaa Kibxata seenetii bulchiinsaaf erganiin mudaamtoota 37 kan mirkaneessan yoo ta’u, Obbo Okwuuruu Bitootessa keessa akka boqotan garuu hin beekne.

Gorsaan miidiyaa pireezdaanticha, Loreeta Onochii, yeroo pireezdaantichi Obbo Okwuuruu muudanitti lubbuun akka jiruufi “raga barnoota isaa ilaalchisuufi muudama sanaaf qophaa’aa ta’uu isaa beeksisuuf gara kana dhufee ture,” jedhaniiru.

“Yeroo muudamaa kanaaf eegutti lubbuun isaa darbuun, odeeffannoon kun Mootummaa Federaalaaf hin keennamne,” jedhaniiru.

Bulchiinsi Buhaarii dogoggora nama lubbuun hin jirreef muudama kennuu yeroo taasisu kun kan jalqabaa miti.

Bara 2017 keessa Pireezidaant Buhaariin yoo xiqqaatee namoota shan lubbuun hin jirre aangoo dhaabbilee mootummaa adda addaatti muudaniiru.

Keeniyaattis wanti akkasii mudate ture

ALA bara dabree keessa Keeniyaatti Ministirri Odeeffannoo fi Komunikeeshinii Joyi Mucheeruu, nama du'aan boqotan tokko miseensa boordii akka tahan erga muudan booda qeeqa hedduutu irratti ka'e.

Namni Roobart Kochaalee jedhaman bara 2018 keessa ji'a Caamsaatti kan lubbuun dabre - kan isaan akka miseensa Boordii Fiilmii to'atu (KFCB) tahuuf filataman ammoo Onkololeessa 2019 keessa ture.

Kanaanis lammileen Keeniyaa hedduun aariisanii Twitter gubbaarratti ibsaa turan.