Koroonaavaayiras: MM Masrii warreen hakima Covid19’n lafa awwaalchaa dhorkan balaalefatan

Maxxanfame

Jiraattota gandaa doktora koroonaavaayirasiin duute lafa awwaalchaa dhorkan ‘warreen kabaja hin beekne’ jechuun ministirri mummee Masrii balaaleffatan.

Ministirri Mummee biyyatti Musxafaa Maadboolyii maqaa uummata Masriin abbaa warraa hakiimattii dhiifama gaafatan.

Sababa kanaan namooti 23 lafa Shubraa el-Bahuutti to’annoo jala oolaniiru.

Jiraattonni kunneen yoo reeffi awwaalame vaayirasichi akka tatamsa’u taasisa jenneeti jedhan.

Hakiimni ganna 64 Sooniyaa Abduulaaziim Jimaata darbedha kan lubbuun darbe. Gabaasoti, covid19 dhaan du’uushee himanis obboleessi ishee lakki daranyoo sombaatu ajjeese jedheera.

Yeroo reeffi ishee awwaalchaaf deemu jiraattonni ambuulaansiin gara lafa awwaalchaa akka hin galle dhorkan.

Yeroo kanatti poolisiin mormitoota kana adda bittinsuun awwaalchi raawwateera.

Warreen to'annoo jala oolan guyyaa 15f ni qoratamu jedhameera.

Waan raawwate abbaan alangaa biyyattii Hamaadaa el Saawy illee ‘’gochaa shororkeessummaa’’ jechuun balaalefataniiru.

Gaggeessaan amantaa Musliimaa Suunii gameessi, Sheek Ahiimad al-Taayib, ’’gochaa naamusa, namummaafi amantii iirra fagaatetu raawwate,’’ jedhan. Sababii dhukkuba kanaan namoota qooduunis haa dhaabbatu jedhaniiru.

Masrii gidduugala bahaa keessatti biyya baay’ina uummataa guddaa qabdu yoo taatu, tatamsa’ina koronaavaayirasii ittisuuf halkan socho’uu dhorkuu dabalatee tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhattee jirti.

Biyyattiitti namoonni 159 dhukkubichaan yoo du’an, namoonni 2,000 immoo qabamaniiru.