Dhibee MRKH: 'Guyyaan qaama-saalaa malee akkan dhaladhe itti bare'

Juuliyaan Piiter

Madda suuraa, Julian Peter

Ibsa waa'ee suuraa, Juuliyaan Piiter
Maxxanfame

Dhimmaa laguu irratti gaaffiin doktaraasheerra irra dhiyaateef shamarree lammii Keeniyaa Juliyaan Piitariin, qama saalaa (vagina), gadameessaa (womb) fi fiixee gadameessaa (cervix) malee uumamuu ishee gara baruutti ishee geesseera.

Amma ganna 29 kan taate Juliyaan waggoota 12 booda seenaa ishee gazexeessitu BBC Aan Nigugiif qooddeetti.

Short presentational grey line

Dhibee Mayer-Rokitansky-Küster-Hauser syndrome (MRKH), jedhamu kan akka gaddameessa ykn qaamaa saalaafi takka takka ammoo kale tokko malee uumamtu taasisu waliinan dhaladhe.

Dubartiin MRKH qabdu laguu hin agartu.

Gadameessa waanan hin qabneef lagu hin argu. Kun anaaf jireenyakoo waan ta'eef miirri badaan natti hin dhaga'amu.

Namootni eenyummaakoo irratti yaada adda addaa qabu.

'Waan fedhan jechuu ni danda'u'

Bakka ta'e deemee akka naaf kadhatamu natti himu.

Namni biraan wanaan Ukambani (naannoo namootni toshaa waliin walitti hidhan) irraa waanan dhufeef akkoonkoo haalan keessa jiruuf sababa ta'uu akka dandeessu natti hime.

Isaan waan fedhan jechuu danda'u wanti guddan akkan itti waan isaan jedhan simadhudha. Yoon isaan dhaga'uu eegale anarratti dhibbaa qabaachuufi akka isaan dhugaa dubbatanitti akkan yaadun eegala.

Akkan dhibee kana qabu kanan bare barattuu ganna 17 ta'eeni.

Millikoo dhiita'ee waan na dhukkabeef ture gara mana yaalaa kanan deeme. Ogeessi fayya kan jalqaba na gaafate laguun koo yoom akka natti dhufe ture. Animmoo laguu argee hin beeku.

Julian Peter
Julian Peter
I cried on the first day and the second day and the third, but then I moved on... my priority was to get back to school"
Julian Peter
Presentational white space

Ogeessoti fayyaa iskaani na kaasani. Suuraan jalqaba kan agarsiisu qaamni saalaakoo karaa alaan cufaa ta'uusaati.

Akka banaamuuf yaaliin baqaqsanii hodhuu naaf godhamee ture, garuu hin milkoofne.

Iskaaniin biraa gadameessaafi qaama saala akkan hin qabne agarsiise, yeroo kanadha MRKH akkan qabu kan barame.

Guyyaa jalqabaa, lammaffaafi sadaffaa nan boo'ee sana booda garuu jireenyakoon itti fufe. Shamarree ganna 17 waanan tureef xiyyeeffannaankoo mana baruumsaatti deebi'uu ture.

Harmeekoo waliin ture kanan hospitaala ture, bu'aan qorannookoo ishee rifaasise.

Akka haadhaatti gaaffii ijoo ta'an of gaafachuun ishee hin oolle jedheen yaada. Jalqabaratti waanan balleessee jiraa jettee yaaddi turte.

'Yaalii baqaqsanii hodhuu hin barbaanne'

Waanan Baayoolojii baradheef, waan doktoriinkoo haasa'aa turte jalqabumaan naaf gale.

Yeroo sanatti mana barnootaatti deebi'ee barumsakoo fixuu waanan barbaadeef yaalii baqaqsanii hodhuu akkan hin feenen itti hime.

Waggaa kudhan booda hospitaalatti deebi'een yaalii baqaqsanii hodhuu milka'aa argadhe.

Gosti MRKH ani qabu qaama saalaa, gadameessa maleefi kale tokko qofa wajjiin akkan dhaladhu taasiseera.

Ujjummoo qaama saalaa malee waanan dhaladheef ogeessotaan naaf uumame.

Dhibeen MRKH akkataa ani itti jireenyakoo jiraachuu barbaadu waan hin miineef jireenya sirriin jiraadha.

Namoota tokko tokkoof garuu miiraa isaani waan jeequ maluuf haala kanaa wajjiin jiraachuuf ogeessota xiinsammuu bira dhaquun isaaniif mala.

Question mark
Getty Images
MRKH syndrome

Mayer-Rokitansky-Küster-Hauser

  • Characterisedby absence of the vagina, cervix and the uterus

  • Affectsone in 5,000 women

  • Type 1refers to the absence of reproductive organs

  • Type 2refers to the absence of, or abnormality with, a kidney

  • Usually discoveredduring puberty when menstruation does not start

Source: NHS
Presentational white space

Dhibbaa dhibeenkee sirratti fidu yemmuu hubattu, waa'ee daa'ima da'uu dagachuu qabda.

Qorannoo afur booda ovarian hin argamne, kanaaf yaalii IVF'(yaalaan deeggaramanii dahuu) hanqaaquun fudhatamuu hin danda'u.

Akkataa umama keenya fudhachuuu qabna. Garuu akka dubartoota kanii ta'uu dhisuukee baruun cimaadha, kanaaf namni wa'ee kanaa waliin haasoftu si barbaachisa.

Namoota akkakoo dhibee kana qaban hedduu Keeniyaa keessatti wal bareera, wa'ee mudannoo keenyaas waliin ni haasofna.

Dhibeekoofi uumamakoo dursee wanan amaneef ani nagaadha.

Jaallalleef dhibeekoo ibsuu

Jallalleewwan qabaadhe beeka. Garuu sadarkaa taa'ee waa'ee dhibeekoo itti himuurra ga'ee hin beeku.

Yoo dhibee simachuu barbaadan ni simatu. Garuu beektaa, dhalli namaa dhaluma namaadha.

Namootni ani waa'ee dhibeekoo itti hime harki caalaan na dhiisanii deemaniiru. Kaan ammoo sobee isaaniin ofirraa ari'uuf akkan dubbadheetti na himatu.

Amma jaalallee hin qabu garuu kun hoiii Waaqaati.

Waa'ee wal qunnamtii saalaa irratti ujummoon qaama saalaa yaalii baqaqsanii hodhuun bara 2018tti naaf hojjatameera.

Kanaaf, reefu gara waggaa tokkoo waan ta'eef ani qunnamtii saalaa raawachuuf qophooftu miti.

Heerumuudhaafis hin qophoofne. Yoo daa'ima barbaadne guddifachaan guddisuu dandeenya.

Seenaakoo uummataaf qooduuf yoo xiqqaate gara waggaa 10 natti fudhateera.

Namootni dhibeen MRKH maal akka ta'e hin beekne jiru kanaaf animmoo hubbannoo akka qabaatan gochuun fedha.

Juuliyaan Piiter garee ishee deggeran qabdi

Madda suuraa, Julian Peter

Ibsa waa'ee suuraa, Juuliyaan Piiter garee ishee deggeran qabdi

Gorsa Maatiif

Jalqabaratti maatiin ijoollee dhibee kana qaban yaalii baqaqsanii hodhuu ijoollummaan akka gaggeefamuu eeyyamuu akka dhiisanan gorsa.

Yeroo isaan guddatanii waanta adeemsifamu hubatanitti akka gaggeefamu godhaa, sababni isaa yaaliin kun dheeraafi walxaxaadha.

Bayyee kan nama dhukkubu waan ta'eef mucaan sun wanta uumamaa jiru hubachuu dhiisuu dandeessi.

Akka maatiitti, yeroo mucaan kee waa'ee dhibeeshee bartutti loogii irra ga'uu danda'u isheerraa ittisuuf qorannoo ofiikee gaggeessuu qabda.

Gartuu na gargaaru qaba, dubartoota akka koo namoota irraas dhiibbaafi rakkoon adda addaa akka irra ga'u dhaga'eera.

Kanneen heerumanii soddoota isaanii irraa daa'ima akka godhataniif dhiibbaan irra ga'u jiru.

Dubartiin tokko jirti kan soddoliin ishee ati dhiiradha kan jedhaniin.

Kanaaf nuti dhageeffannee jajjabeessina. Wanti barbaachisaa ta'e wal gargaarudha, sababiin isaan daandiin kun cimaa ta'uu danda'a.