Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan dhibee onneetin du'an
Ministirri Raayyaa Ittisaa biyyaa Sudaan Lt. Janaraal Jamaal Omaar dhibee onneetiin Sudaan Kibbaa keessatti du'ani.
Rooyitars Dubbii Himaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan waabeffachuun akka gabaasetti ministirichi magaalaa guddaa Sudaan Kibbaa Juubaatti hidhattoota waliin mariirra turan.
Akka Sudaan Tiribuun gabaasetti qondaalli olaanaa waraanaa biyyattii Roobii ganama du'an.
Akka Dubbi Himaan Humna Ittisaa Sudaan jedhanitti, Janaraal Omaar Sudaan Kibbaatti dhimma waliigaltee sochii hidhattootaa irratti mariyachuuf ture kan gara Juubaa deeman.
Ministirichi hidhattoota biyya isaanii waliin waliigaltee taasifamu mootummaa Sudaan bakka bu'anii adda-durummaan gaggeessaa kan turan yoo ta'u, akka Sudaan Tiribiyuun jedhutti mariin nagaa kun tarii addaan dhaabbachuus mala.
Jaarsummaa xumuraa kana keessa kan jirtu gama Sudaan Kibbaa garuu wanti jedhame hin jiru.
Ministirichaaf sirna awaalchaa magaalaa guddoo Sudaan, Kaartuum keessatti akka gaggeefamuufis gabaafameera.
Imbaasiin Itoophiyaa Sudaanitti argamu gadda du'uu Janaraan Jamaal Omaar itti dhaga'ame ibsuun maatii, hirriyootaafi lammilee Sudaaniif jajjabina hawweera.