Koroonaavaayiras: 'Manneen hidhaa Itoophiyaa keessatti qorannoo COVID19 taasisuuf qophiin taasifameera'

Madda suuraa, FBC
Sirreeffamtoota manneen hidhaa keessatti mallattoon koronaavaayirasi irratti mullatuufi kanneen qabaman adda baasanii wallaanuuf qophiin taasifamu Bulchiinsi Manneen Sirreessaa Federaalaa BBC'tti hime.
Qophii ittisa koronaa manneen sirreessaa keessatti taasifmaa jiru ilaalchise Itti gaafatamaan saba himaan Bulchiinsa Manneen Sirreessaa Federaalaa Obbo Garamawu Ayaaleewu BBC'tti himan.
Obbo Garamawu akka jedhaniitti, eddoon sirreeffamtoota adda baasuun itti akka wallaanamiif qophaa'ee bakka Abbaa Saamu'el jedhamuun beekamuufi mana sirreessaa Finfinneetti argamudha.
Manni sirreessaas Ministera Fayyaa waliin ta'uun hojiilee dursaa raawwachu isaa kan dubbatan itti gaafatamaan kun, qaamni haala manneen sirreessaa keessa jiru hordofuus Ministeera Fayyaatiin ramadamu ibsaniiru.
Akka isaan jedhaniitti gareen qondaaltoota motummaa olaanoon hogganamu tokko hundeeffamuun haala manneen sirreessaa keessa jiru akka hordofu ta'eera.
Kana malees gama dhiyeessitiin, meeshaale qulqullinaa akka dabaluuf hojjatamaa jiras jedhaniiru.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Namtichi koronaavaayirasiin shakkamee, ambulaansiirraa utaalee baqate bilisa ta'e
- Biyyoonni Awurooppaa koronaavaayiras ittisuuf dhorkaawwan jajjaboo kaa'aa jiru
- Bu'aan qorannoo Pireezidant Tiraamp ifa godhame
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame











