Ameerikaan buufatawwan waraanaa ijoo Iraaqiiti qabdu keessaa sadii gadhiisaa jirti

Maxxanfame

Waraanni Yunaayitid Isteet torban dhufan keessatti buufata waraanaa ijoo Al - Qaayim fi kaan ijoo lama keessaa gadhiisaa jira.

Ameerikaan buufata waraanaa Iraaq keessaa qabdu 8 keessaa sadii gadhiisuuf jechuun ishee turtii biyattii keessatti taasistu xiqqeessuu akka maltu akeekeera.

Murtiin kuni yeroo hariiroo biyyattiin mootummaa Iraaq fi Iraan waliin qabdu muddama keessa seenetti dhagahame.

Torban kana keessa sagantaa al - Qaayimitti taasifamutti Ameerikaan nageenya isaanii akka kabachiisan deeggarsa meshaalee waraana humnoota Iraaqitti kennu jedhamee eegama.

Kana jechuun turtii Ameerikaan daangaa Iraaqiifi Sooriyaa irratti qabaachaa turte xumura argata jechaadha.

Buufanni waraanaa kuni buufata baaburaa durii Iraaq argamu irratti ijaaramedha.

Bakki kuni bakka jalqabaa bara 2014 Iraaq keessatti garee IS jalatti kufeefi kanneen xumura irratti humnoota Iraaqin bara 2017'tti deebite keessaa tokkodha.

Erga garee IS injifatanii booda milishoonni Iraaniin deeggaraman gama daangaa lamaanuu to'atan.

Erga waggaa dura eegalee Lafa Iraaq irratti Ameerikaafi Iraan waldhabuu eegalaniiru.

Torbanuma darbe haleellaa raawwateen loltoonni Ameerikaa lamaafi kan Biriiten tokko ajjeefamaniiru.

Haaloo bahuf haleellaan jarri Ameerikaa buufata meeshaa waraanaa Qaxayiib Hezboollaa irratti raawwataniin garuu humnoota waraanaa Iraaq sadii, akkasumas poolisii lamaafi nama nagaa tokko galaafate.

Kunimmoo, walitti dhufeenya Ameerikaafi waraana Iraaq gidduutti waldhibdee haaraa uumeera.

Kana booda ajajaan olaanaa waloo Iraaq kan sochi waraanaa Iraaq keessaa to'atu ibsa baaseen qaamolee lamaan kan himate yoo ta'u isa paarlaamaan Iraaq Ameerikaanonni akka bahan gaafate deeggareera.

Baay'inni loltoota Ameerikaa Iraaq keessa jiranii 5,200'tti tilmaamama. Kanneen keessaa hangam akka ta'u beekauu baatus gara buufata waraanaa biroo achuma Iraaq keessa jiranitti ergamuu malu.

Waa'ee fuulduree loltoota kanaa garuu wanti beekamu hin jiru.