Warri deeggarsa MM Abiyyiif Jimmaafi Aggaarootti hiriira bahan maal jedhu?

Hiriira magaalaa Jimmaa

Madda suuraa, Kominikeeshinii Godina Jimmaa

Maxxanfame

Godina Jimmaa magaala Jimmaa fi Aggaarootti mata dure 'Run for Prosperity' jedhuun hiriirri namootni kumootan lakkaawaman irratti hirmaataniiru jedhame gaggeeffameera.

Kaayyoon isaa deeggarsa MM Abiyyiif qaban agarsiisu akka ta'e hirmaatotni ni himu.

Qopheessummaa dargaggoota magaalittiifi bulchiinsa magaalaan hiriira gaggeeffame kanarratti jiraattootni magaalaa Jimmaafi aanaalee ollaarraa dhufan hirmaachuu isaanii Liigiin dargaggootaa godina Jimmaa ibseera.

Tiishartiiwwan suura MM Abiy ofirraa qabu uffatanii, ergaalee muummicha Ministeeraa faarsaniin hiriirichi gaggeefamuu kanneen BBC'n dubbise himaniiru.

''Jijjiirama kana itti fufsiisuu qabna, Oromoon kutaan qoqqoodamuu hin qabu arrabsamuu hin qabu, qabsoon uummatni Oromoo qabsaa'aa ture mandaratti akka hin galle yaada jedhu of keessaa qaba'' jedha hoogganaan Liigii Dargaggootaa Godina Jimmaa Dargaggoo Dimaamuu Nigaatu.

Dargaggeeyyii magaalittiif mootummaan durgoo kaffalee hiriiira kana qopheesse jedhamee isa miidiyaa hawaasaarratti haasa'amuuf dargaggoo Dimaamuu yoo deebisu, ''tiishartii suura MM Abiy of irraa qabuufi barreefamoota qophaa'an biroofuu mootummaan baasii hin baasne durgoo kaffaluun haa hafuutii'' jedha.

Sagantaan kun amma maaliif qophaa'e?

Akka dargaggoon kun jedhutti ''qabsaa'ota Oromoo sadarkaa biyyatti aarsaa guddaa kaffalan warri gareen qoqqoodaniifi duudhaa Oromoo haala hin eegneen arrabsan balaaleffata hiriirichi'' jedha.

Ka'uumsi yaada hiriira deeggarsaa kanaa yaada miseensi KFO obbo Jawaar Mohaammad yeroo garaagaraatti dubbatan waliin kan walqabatu akka ta'e akeeka.

Sagantaan deeggarsa MM Abiy Jimmaa fi Aggaarootti qophaa'e kun sagantaan KFO'n Jimmaatti 'hawaasa waliin walbaruuf' qopheessee ture yeroo biraatti akka darbu ta'uu hordofeeti .

''Aanga'oota Oromoo fi biyyis akka biyyaatti bakka buufattee jirtu tokko arrabsuun uummata arrabsuudha, isa xiqqeessuu jechuun uummata xiqqeessuudha'' jedha.

Garaagarummaa yaada siyaasaa qabaachuun Oromoo gargar qooduu hin qabu kan jedhu dargaggoon kun, obbo Jawaar Mohaammad waltajjiiwwan garaagaraatti yaada safuu fi duudha uummataa hin eegne dubbachuun uummata naannichaa biratti mufii uumeera jedha.

Jiraataan magaalaa Jimmaa tokko KFO'n gara jimmaatti dhufuuf karoorfachuu wajjin walqabatee wanna obbo Jawaar Mohaammad sagantaalee uummataan walbaruu naannolee biroo irratti MM Abiyyiin qeequufi arabsoo garaa garaa dubbataniiru jedhanii amanan akka waan uummata Jimmaan jedhaniitti fakkeessuun deeggarsa dhaaba 'Prosperity' fi MM Abiyyiif qaban akka ibsan qophaa'ee jedha.

Dargaggoon magaalittii Ahimad Abbaa maccaa qaama hiriira kanaa akka hin turre himee, ''kaayyoon uummata Oromoo waan itti cabee asiin gahee, isa hanqate itti guutee kunuunfachuu dha kaayyoon uummata Jimmaas kanumaa'' jedhe.

Jawaar Mohaammad hayyuu keenya ija sabaatii kan jedhu dargaggoo Ahimad, Jawaar erga abbaa paartii ta'ee wantootni yeroo tokko tokko miira keessa galee dubbaturraa mufii xiqqoo nan qaba'' jedha.

''Mufiin koo miira keessa na galchee waan biraa godha yoo ta'e sirrii miti kanaf wal kabajnee wal dhaggeefannee, jarris tarsiimoofi sagantaan walfamuu qabu malee quba walitti qabuu hin qabanii'' jedha.

Amma gaaffiin uummata Jimmaa dubbiin akkanaa maaliif barbaachise kan jedhu akka ta'es dubbata.

''Ajandaan jaraa bakka deemanitti walarrabsuu, wal quuquudha. Kan uummatni Jimmaa jedhummoo kun ta'uu hin qabuudha.''