Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa tasaa Iraaniin lakkoofsi loltoota miidhaan sammuu isaan mudate dabale
Haleellaa tasaa Iraan buufata Ameerikaa Iraaqitti raawwatteen booda Pireezidant Tiraamp loltuun jalaa miidhame akka hin jirre dubbatanii turan. Haata'u malee Peentaagoon ibsa baaseen loltootni isaa 109 ta'an rakkoo 'sammuu traumatic brain injuries' (TBI) jedhamuun miidhamuu amaneera.
Haleellaa Amajjii 8 raawwatamee kanaan Peentaagoon loltootni 64 miidhamuu beeksisee ture. Haleellaan tasaa Iraan kun Ameerikaan janaraala Iraan ajjeesuu ishee hordofee tarkaanfii haaloo bahuu fudhatameedha.
Ibsa waajirrii Ittisaa Ameerika, Peentaagoon baaseen loltoota miidhaan sammuu kun irra gahe keessaa 70% hojii idilee isaaniitti deebi'aniiru.
Miseensi bakka bu'oota uummataa Ripaablikaanotaa Joonii Ernist rakkoo loltoota kana mudate irratti gaaffiiwwan deebii barbaadan jiru jedhaniiru.
Karoorri ittiin loltootni kun waldhaanaman jiraachuun barbaachisaadha jedhan.
''Peentaagoon nageenya loltoota keenya dirqamaaf bobbaafamanii miidhaa dhukaasa Iraaq keessa jiruuf saaxilamanii eeguu qaba'' jechuuniis tiwiitara gubbaatti waamicha dhiiyeessan.
Ji'a darbe dhimma kanarratti dubbatanii kan turan Donaald Tiraamp rakkoo 'traumatic brain injuries' jedhamu kanaan salphisanii ibsaniiru.
'' Bowwoo mataa qabachuu dhagaheera, rakkoolee biroon muraasniis akka jiran, haa ta'u malee waan hammaataa akka hin taaneen isiniif ibsa'' jedhan.
''Miidhaman kanaan dura argee beekurraa rakkoon kun hamaadha jedhee hin ilaalus' jechuun dubbatan.
'Traumatic brain injuries' maali?
Rakkoon kun dirree waraanaatti baratamaadha jedha humni waraanaa Ameerikaa.
Wiirtuun miidhama sammuu Ittisaa fi Sooromaa Ameerikaa maddi rakkoo sammuu kanaa dhukaasawwan gurguddoodha jedha.
Raakkoon sammuu kun sadarkaawwan garaagaraa kan qabu yoo ta'u, erga bara 2000 loltootni Ameerikaa 400,000 rakkoon kun isaan mudatee waldhaanamaniiru.