Taayilaanditti loltuun Mootummaa namoota nagaa 26 galaafate ajjeefame

Madda suuraa, Reuters
Loltuun namoota nagaa 26 ajjeese wiirtuu daladalaa keessatti halkan guutuu erga adamfamaa tureen booda ajjeefamuu Poolisiin biyyattii beeksise.
Loltuun mootummaa Jaakraafaant Tooma Sanbata xiqqaa kaampii waraanaa keessatti ajajaa isaa ajjeesuun meshaa waraanaa hatee magaalatti bahe.
Loltuun kun daandiirratti nama arge hundatti dhukaasaa gara wiirtuu daldalaa naannoo Koraat jedhamuun beekamu tokkotti ol lixuun dhukaasuu itti fufuu Poolisiin mirkaneesseera.
Loltuun miidiyaa hawaasummaaratti meeshaalee waraanaa maxxansaa ture jedhame kun wiirtuu daldalaa itti ol seene keessatti halkan guutuu adamfamaa erga turee booda dhumarratti ajjeefamuu Poolisiin beeksiseera.
Ministirri Muummee biyyattii Prayuth Chan-ocha lakkoofsi namoota haleellaa kanaan ajjeefamanii 20 irraa gara 26 ol guddachuu fi kanneen madaahan ammoo 57 ta'u miidiyaaleetti himaniiru.

Madda suuraa, EPA
''Taayilaanditti wanni akkanaa ta'ee hin beeku, rakkoon kun isa yeroo dhumaaf nu mudatu akka ta'un barbaada'' jedhan hospitaalatti argamuun namoota madaahan erga dubbisanii booda.
Loltuun kun ajjeechaa kana akka raawwatuuf maaltu sababa kan jedhu ammatti hin beekamne.
Dubbii Himaan Raayyaa Ittisaa biyyattii ''maaliif kana akka raawwate hin beeknu. waan maraate fakkaata'' jedhan.
Ministirri Fayyaa Hawaasaa biyyyattii ajjeechaan kana caalu osoo hin mudatiin rakkoo kanaf fala kennuu isaaf Poolisii galatefateera.
Loltuun mootummaa kun dargaggoo ganna 32 yoo wiirtuu daldalaa keessatti dhukaasaa yeroo tureefi Poolisiin marfamutti harka akka kennatu gaafatamee ture. garuu tole hin jenne.
Namootni wiirtuu daldalaa kana keessa turan hedduun lubbu oolfachuuf manneen fincaniifi bakka garaagaraa dhokatanii akka turan BBC'n odeeffateera.

Madda suuraa, AFP
Loltuun kun Kaampii keessaa meeshaa waraanaa hatee erga baheen booda, konkolaataa qabatee magaalatti bahe. Achiis konkolaataa keessaa akkuma baheen namootatti dhukaasuu eegale.
Wiirtuu daldalaa akkuma seeneen dhukaasa itti fufus harka kennadhumoo dhiisu jechuun feesbuuk isaarratti maxxanseera.
Maxxansa isaa kana dura suura meeshaa waraanaa ergaa ''yeroon itti miira gammachuun guutaman gaheera. eenyuyyuu du'a hin hambisuu'' jechuun maxxansee ture.

Madda suuraa, AFP













