Magaalaa Finfinneetti rakkoo uumameen lubbuun namootaa darbe

Injinar Taakkalaa Uumaa

Madda suuraa, Waajira Kantiibaa

Maxxanfame

Kaleessa galgala jechuun Kibxata halkan walakkaa magaalaa Finfinnee naannoo 22 jedhamee beekamutti bakka sagadaa waliin wal qabatee rakkoo nageenyaa uumameen lubbuun namoota lamaa darbuu manni Amantaa Ortodoksii magaalaa Finfinnee beeksise.

Mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa kutaa lallabaa magaalaa Finfinneetti hogganaa bulchiinsa lubootaa kan tahan Malaake Hiwoot Abbaa Waldayesuus Seeyfuu BBCtti akka himanitti walitti bu'insichaan namootni lama yoo ajjeefaman namootni kaan ammoo madaa'uun hospitaala galaniiru.

Abbaa Waldayesuus akka jedhanitti,amantootni ayyaanaaf qophii gochaa yeroo jiraniifi sagada irra jiranidha poolisiin tarkaanficha kan fudhate.

Kantiibaan Itti Aanaa magaalaa Finfinnee injiiner Taakkalaa Uumaa hoggantoota dabalatee namootni torba rakkoo nageenyaa uumame keessaa harka qabu jedhamuun shakkaman to'annoo jala ooluu ibsaniiru.

Yakka hojjetame waliin wal qabatee odeeffannoo qindaa'aan argamaa akka jirus himaniiru.

Injiinar Taakkalaan, mootummaan dhaabbilee amantaa waliin, qabiyyee fi ragaa seera qabeessummaa laachuurratti yeroo kamuu caalaa walitti dhiyeenyan hojjechaa jiraachuus beeksisaniiru.

Bakki walitti bu'insi uumame jedhamu kun lafa dallaan itti ijaaramee taa'aa akka tures himama.

Bakka waaqeffannaa sababa walitii bu'insaa tahe jedhame

Bakka waaqeffannaa kana waliin wal qabatee waggaa 10 dura fudhachuuf gaaffiin akka dhiyaachaa turee fi gaaggeesitootni jijjiramuu irraa kan ka'e deebii osoo hin argatiin turuu Malaake Hiwoot Abbaa Waldayesuus Seeyfuu himan.

Kutaan lallaba magaalaa Finfinnees xalayaa ifa tahe kutaa bulchiinsaaf barreessee hordofaa akka ture himan.

Rakkoon kun akkamiin uumame kan jedhuufi waa'ee miidhaa gahee gaafachuuf komunikeeshinii poolisii federaalaatti bilbilus deebii poolisii magaalaa Finfinnee gaafadhu jedhun argadhe jedhee kan gabaase ripportera BBC Afaan Amaaraa magaalaa Finfinnee jiru Qaalkidaan Yibelxaalidha.

Dabalataan odeeffannoo dabalataa argachuuf gara Itti gaafatmaa komunikeeshinii poolisii magaalaa Finfinnee Komaander Fasikaw'f bilbilus deebii akka hin arganne himeera.