Dhaabbanni tola-ooltummaa 'French Christain' jedhamu hojjattoonni kiyya afur Baagdaad keessatti badaniiru jedhe

Maxxanfame

Hojjattoonni dhaabata tola-ooltummaa French Christain'jedhamu afur Iraaq'tti achi buuteensaanii dhabameera. Qondaltoonni biyyoota lamaanii qorannoo jalqabuusaanii dhabbatichi ibseera.

Dhaabbanni 'French Christain' akka jedhetti hojjattoonni isaa lammiilee Faransaay sadiifi Iraaq tokko yeroo dhumaatiif gaafa Wixataa Baagdaad keessatti mul'atan jedha.

Dhaabbatichi hamma ammaatti hojjattota baasisuuf gaaffii maallaqa kaffalaa jedhu hin gaafatmne jedha.

Baduun hojjattoota kanniin yeroo biyyatti rakkoo keessa jirtu mudate.

Jeneraalli Iraaq haleellaa Ameerikaa raawwatteen ji'a kana keessa Baagdaad'tti ajjeefame. Abbootiin seeraafi mormiitoonni loltoonni biyyoota biroo biyyasaanii keessaa akka bahan gaafataa jiru.

Dhaabbatichi akka jedhetti hojjattoonni afur kunneen viizaasaanii haaromsuufi dhaabbaticha qondaltota waliin ta'uun galmeessuuf Baagdaad turan jedhe.

Dhaabbatichi hojjattoota badan afran "hojjattoota muxannoo qaban, fayyummaa gaarii keessa kan jiraniifi iddoo rakkoon jirutti namoota hojjataniidha" jechuun ibseera.

Eenyummaan namoota kanneenii hamma ammatti ifa hin godhamne.

Dhaabbanni kun akka jedhetti Kirstaanota Baha Giddu Galeessa jiran gargaaruuf kan kaayyefate yoo ta'u eega bara 2014 Iraaq keessatti hojjataa jira.