Boeing 777X: Jeettiin motora lakkuu addunyaatti guddaadha jedhame balali'insa isaa jalqabaa miliin xumure

Xiyaara Boeing 777X meetira 77 dheeratu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyaara Boeing 777X meetira 77 dheeratu
Maxxanfame

Boeing yaalii balali'insa jalqabaa xiYyaara addunyaa irratti guddinaan tokkofaadha jedhameefi motora lakkuu qabu milkiin xumureera. Xiyyaarri Boeing 777X jedhamee moggaafamera.

Jeettiin motora lakkuu addunyaatti guddaadha jedhame balali'insa isaa jalqabaa milkiin xumure kun kan gaggeeffame erga xiyyaarri Boeing 737 Max rakkoo isa mudateen hojii keessaa akka bahu taasifameen boodadha.

Kampaaniin Boeing erga xiyaarri Boeing 737 Max lama kufee caccabuun lubbuun namoota 346 akka darbuuf sababa ta'een booda maqaan isaa gurraacha'eera. Balaa uumamee ture kanaan boodas xiyyaarri kun akka hojii keessaa bahu taasifameera.

Yaaliin balali'uu xiyyaara guddicha haaraa kun qarqara Siyaatil irraa ka'uun sa'aatii afuriif balali'eera. Torban kana keessa sababii qilleensi jabaan jiruun yaaliin balali'uu lama akka addaan citu ta'eera.

Xiyyaarri kun bara dhufu daandii xiyyaara 'Emireetis' waliin hojii osoo hin jalqabiin dura yaaliiwwan balaliisisuu dabalataa gaggeeffamuu barbaachisa jedhameera.

Xiyyaarri meetira 77 dheeratu kun bara kana eebbifama jedhamee eegamaa turullee rakkoo teekniikaa mudateef akka boodatti harkifatu ta'eera.

Xiyyaarri 777X jedhamu kun baay'ee guddaafi Boeing 777 mini-jumbo jedhamu milkaa'inaan maqaa dha'amu caalaayyu kan foyyaa'eerudha jedhameera.

Xiyyaara guddicha haaraa kana wantoota adda isa taasisan keessaa baallee (kaattuun) isaa kan dadacha'u ta'uufi motora akka addunyaatti guddaadha jedhame qabaachuu isaati.

"Kun akka kaampaanii tokkootti hojii guddaa akka hojjennu bakka bu'a," jedhan daarektarri dhimma gabaa 777X Wendii Soweersi.

Boeing hanga ammaa xiyyaarota kana 309 tokkoo tokkoo isaanii Doolaara miliyoona 442 gurgureera.

Xiyyaarri kun dorgomaa isaa kan ta'e Airbus A350-1000 kan jedhamuufi imaltoota 360 kan qabatuun akka gituun (dorgomuuun) hojjetame.

Xiyaara guddicha, Boeing 777X

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyaara guddicha, Boeing 777X

Boeing erga xiyyaaronni Max 737 lama garaa garummaa ji'a shanii gidduutti caccabanii booda rakkoo hamaa keessa jira. Xiyyaarri MAX 737 jalqabaa Indoneeshiyaatti Onkoloolessa 2018 kufee yoo caccabu Ebla keessa ammoo kan Itoophiyaatu caccabe.

Dhaabbatichi nageenyaaf dursa kennuu dhiisuun bu'aa barbaachaaf jecha saffisaan maamiltootaaf dhiyeessuu isaarraan kan ka'e himannaan hedduun irratti dhiyaatee qoratamaas jira.

Booying xiyyaarri kun akka balali'uutti deebi'uuf akka mirkaneeffamuuf carraaqaa jira.

Xiyyaarri MAx 737 kun akka hojii keessaa bahu taasisuun Booying gurgurtaa isaarraa galii argatu Dolaara Biliyoona 9 akka dhabu taasiseera. Xiyyaarri Max 737 ammoo gosa xiyyaaraa dhaabbatichi baayyinaan gurguraa turedhas waan ta'eef.