Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Piriimeer Liigii Ingiliiz: Taphoota kaleessaatiin eenyu fa'atu milkaa'e?
Taphoonni Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 23 kaleessa taphatamaniiru. Haaluma kanaan Maanchistar Siitiin Kiristaal Paalas waliin walqixa baheera.
Gooliin lamaan Sargiyoo Awugeeroo galcheen Maanchistar Siitiin carraa injifachuu guddaa qabaatus taphataa Kiristaal Paalas kan ta'e Farnaandinhoo goolii kilabiinsaa qabxii qooddatee bahu galcheera.
Kanaanis Maanchister siitiin qabxii 2-2'n taphicha xumureera.
Niwkaastil Yuunaayitid daqiiqaa 94'ffaarratti goolii Isaak Haaydan galcheen Cheelsii 1-0 injifateera.
Noorwiich ammoo Bornimaawuziin 1-0 injifateera.
Wolviis ammoo goolii Peedro Neetoofi Raawul Jimeeneez lama galcheen Saawuzihaampitaniin 3-2 injifachuusaatiin gara sadarkaa 6'ffaa ol dhufeera.
Arseenaal dirreesaarrti tapha Sheefiild Yunaayitid faana taasiseen boqonnaa duraarratti 1-0 dursaa turus booda garuu goolii taphataan Sheefiild Joon Fileek galcheen 1-1 bahuun taphichi xumurame.
Weesthaam ammoo gamasaatiin tapha Evertan waliin taphateen 1-1n xumuraniiru.
Biraayitanis tapha Astoon Viilaa waliin istaadiyeemii Ameex'tti taphateen 1-1 bahe.
Dilbata ar'aa ammoo taphoota lamatu eegama. Isaan keessaa taphni akka torban kanaatti eegamaa jiru Maanchester Yunaayitidiifi Liiverpuul gidduutti taasifamudha.
Seenaa Piriimer Liigii keessatti Maanchester Yunaayitidiifi Liiverpuul Piriimer Liigii mo'achuudhaan hedduu wal dorgomaa turan.
Ogeessonni kubbaa miilaa akka jedhaa jiranitti akkuma Maanchester Yunaayitid baroota 1990 fi 2000 keessa ol aantummaa qabatee ture, Liiverpuul aamma deebiyee baroota 2020 keessa ol aantummaa fudhachuu mala jedhu.
Taoha ar'aa kanarraa jalqabuu laata?
Taphni Piriimer Liigii ar'a taphatamu kan biraan Leesteriifi Barnileedha.