Balaa xiyyaaraa Iraan: Sababa xiyyaara Yukireen rukutameen 'namootni hedduu hidhaman'

Balaa xiyyaaraa Yuukreen balalii PS752

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Xiyyaarri geejjibaa Yukireen doggogoraan erga qilleensarratti misaa'eliin rukutamee kufee booda namoonni hedduu Iraan keessatti to'annoo jala ooluu isaanii manni murtii biyyittii beeksiseera.

Dubbii Himaan Golamhoseen Esmayili balaa kanarratti qorannoon gaggeefamu itti fufeera jedhuus odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Dhimmi kun 'mana murtii addaan' akka hordofamu Pireesdaant Hasan Rohaanii dubbataniiru.

Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Yukreen balaliin PS752 Roobii darbe akkuma lafaa ka'een rukutamee kufee, namoonni keessa turan 176 hundi du'aniiru.

Baayyeen isaanii lammilee Iraaniifi Kaanadaa turan.

Balaan kun uumamee booda guyyaa sadiif, humni waraanaashee xiyyaaraa kana akka hin rukutne haaluun Iraan rakkoo teeknikaati jechuun waakkachaa turte.

Ragaan baayyachaa akka deemeen garuu warannii eegumsa warraaqsa Iraan xiyyaarichi misaa'ela Ameerikaa itti fakkaatee akka rukutan amananiiru.

Pireezdaant Rohaanii taatee kanaaf baleessaan kan nama misaa'elicha 'dhukaasee' tokko qofaa akka hin taane hubachiisaniiru.

Qondaaltonni xiyyara Yukireen rukutuu amanuu isaaniin boodaa lammiileen Iraan mootummaasaaniitiin 'ni sobdan' jechuun hiriira mormii ba'aniru.

Mormitoota Dilbata galgala magaalaa Teehran keessatti walitti qabaman

Madda suuraa, Anadolu Agency

Barattoonni yunivarsiitii lama, Shariifiifi Amiir Kabiir, osoo mormiif hin bahiin dura awwalcha imaltoonni lubbuunsaanii darbee daawwataniiru.

Mormiinis cimuun galgalarra gara cimsanii mootummaa Iraan balaaleffachuutti ce'an.

Miidiyaan Faars jedhamu hiriira sana hordofaa ture ammoo namoonni 1,000 ta'an hiriiraa bahan sagalee mormii dhageesisuufi suuraa Soleemanii cicciruu isaanii gabaaseera.

Barattoonni mormiif bahan kunneen namoota haleellaa xiyyaraa Iraan keessa harka qabu jedhaman akka seeratti dhiyaatan gaafachaa turaniiru.

Pireezidaant Doonald Tiraamp afaan Ingiliiziifi Faransaayiin Tiwiitarasaaniirratti akkas jechuun maxxansaniiru: "Lammiilee Iraan goototaafi rakkachaa jiraniif: Ani ergan pireezidaantii ta'ee muudame isin wajjiin dhaabbachuu eegalee, mootummaan kiyyaa ammaallee isin wajjiin jira.

"Mormii keessan dhiheenyatti hordofaa jirra. Kaka'uumsi keessaan nama ajaa'iba."

Ministirri Hajaa Alaa Maayik Poompiyoon Tiwiitarasaaniirratti viidiyoo lammii Iraan hiriiranirratti akkas jedhan maxxansaniiru: "Sagaleen lammiilee Iraan ifa.

Isaaniis soba sirnichaan, malaammaltummaan, dadhabbii raawwachiisummaaniifi gara jabeenyummaan laaqameen hedduu nuffaniiru.

Nutis lammiilee Iraan jireenya kanarraa fooyyee qabu akka jiraataniif isaan cinaa ni dhaabbanna."