Piriimeer Liigii Ingiliiz : Liivarpuuliifi Maanchister Yuunaayitid injifatan

Roobertoo Farmiiniyoofi Haarii Wiinkis

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Taphoota Piriimeer Liigii Ingiiliz kaleessan Liivarpuuliifi Maanchister Yuunaayitid morkattootasaanii injifachuun milka'aniiru.

Tapha kaleessa Liivarpuul Tootanahaam waliin taasiseen Liivarpuul 1- 0'n yoo injifatu Maanchister Yuunaayitid immoo Noorwichiin 4-0 injifateera. Goolii ittiin Liivarpuul Tootaanahaamiin injifate walakkaa jalqabaarratti kan galche Roobertoo Farmiiniyoodha.

Gareen Jurgen Kloop taphoota 21 taphateen goolii 61 galchuun liigicha dursaa jira.

Taphni Maanchister Yuunaayitid Noorwich waliin taasise tapha 200ffaa isaa kan ta'e Maarkas Raashford, goolii lama galcheera.

Tapha kaleessaa kan biraatiin immoo Cheelsii Barnilee waliin taphachuun goolii 3-0 injifateera. Taphataan Cheelsii Kaalum Haadsan- Odii goolii Piriimeer Liigiisaa jalqabaafi goolii kilabichaa 3'ffaa galchuudhaan gahumsa isaa agarsiiseera.

Kilabiin Piriimeer Liigii irratti sadarkaa lammaffaarra jiru Leester siitiin haala hin eegamneen Saawuzihampitaniin 2-1 injifatameera. Jeemii Vaardii Leestar siitiidhaaf goolii tokkoffaasaa galchus taphataan Saawuzihampitan Istu'aart Armistiroong goolii kilabiisaa qixa gootu daqiiqaa shan booda galcheera.

Aseenaal immmoo Kiristaal Paalaas wajiin 1-1 qixa baheera. Pierra-Emerick Aubameyang kilabii Maayikil Arteettaa akka dursu itti gaafatamummaan itti kennamus dogongora Maaks Meeyer irratti raawwateen kaardii diimaadhaan dirree keessaa akka bahu taasifameera.

Taphoota biroo kaleessa taasifamaniin Evertan Birintaniin 1-0'n yoo injifatu; Wolvisfi Niwcaastil 1-1 bahaniiru.

Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz har'a taasifamanin Boornimaawuz Waatfoord waliin, Astoon Viilaan immoo Maanchistar Siitii waliin ni taphatu.

Taphoota hamma ammaatiin Liivarpuul qabxii 61 yoo dursu Leestar siitii, Maanchistar siitii, Cheelsiifi Maanchistar yuunaayitid wal duraa duubaan dursaa jiru. Kilaboonni Boornimaaw, Waatfoordiifi Noorwich siitiin kilaboota qabxii gad aanaa qabaniidha.