Tilmaama Piriimeer Liigii: Laawuroon tilmaasaa akkasitti kaa'eera, isinis tilmaamaa
Manajerri Maanchester Yunaayitid Joozee Moriinoo tapha Liiverpuul waliin 0-0 walqixa ba'an irratti rakkoo bakka ittisaa tureen komatamaa ture. Ammoo yeroo Ooldi Tiraafoorditti torban kan taphatan tooftaa walfakkaatu hordofaa?
Ogeessi Ispoortii kubbaa miilaa BBC Marki Laawuroosan akkas jedhe: "Si'a kana Moriinoon baayyee of hin eeggatu - yoo of eeggachuu dhiise miilana deggertoota Yunaayitidiin booooo jedham.
"Baasii isaa hin dhaabu garuu, sana jechuun Liiverpuuliin dhaabuuf hin ittisu jechuu miti. Ittisuufi haleeluu walitti makuun Yunaayitid sodachisuu akka danda'anillee mirkaneeffachuu qaba."
Laawuroon Ooldi Tiraafoorditti 1-1 walqixa ba'u jedhe. Isa waliin walii galtaa?
SANBAT

Madda suuraa, BBC Sport
Maanchester Yunaayitidiifi Liiverpuul (12:30 GMT)
Akka ani yaadutti 1-1 walqixa ba'uun xumuru. Kana jechuun qabxii amma tokko buusuun garaagarummaan kilaboota 1-4 jiran gidduu jiru dhiphataa deema. Garuu kan shanaffaarra jiru Chesliin lamaan isaanii ni yaadessa.
Tilmaama Laawuroo: 1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Everteniifi Biraayiten
Dandeettiin Biraayiten dhiyeenya kana agarsiisaa jiran akkuma jirutti ta'ee Everten dirree isaarratti caalaa cimoodha. Kanaaf kan ani isaanii deggeru.
Tilmaama Laawuroo: 2-0

Madda suuraa, BBC Sport
Haadersifiildiifi Siiwaansii
Siiwaansiin mo'amuu Biraayteniin 4-1 irra ga'e damdamatee weestihaamiin 4-1 mo'achuu danda'eera. Ta'us Haadersifiildis laafoo miti.
Gaaffiin jiru, amma Siiwaansii waliin taphatu waan ta'eef fedhaafi humna walgituun walitti dhufuu danda'u.
Tilmaama Laawuroo: 1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Niiwuukasiliifi Saawuuzhaampiten
Saawoozhaampiten mo'achuudhaaf caarraa isaan uumaa jiran hin mullatu. Kanaaf, kan isaan gara gadiirraa fagaachuu hin dandeenye.
Haaluma walfakkaatuun, Niiwuukasil kaayyoon isaan yeroo darbe Liiverpuul waliin taphatan qaban akka hin sigigaanneef ture.
Tilmaama Laawuroo: 2-1

Madda suuraa, BBC Sport
Weestibiroomiifi Leester
Maaltu akka warra Weestibiroomiin mudate hin beeku. Garee waliin taphachuuf rakkisaa turedha.
Leester gama biraatiin taphoota darban shanan osoo hin mo'atiin dabarsanillee, sadarkaa torbaffaarra turuu barbaadu.
Maahreezis akkuma warri isa eeganiitti taphataaf jedheen yaada.
Tilmaama Laawuroo: 0-2

Madda suuraa, BBC Sport
Weetihaamiifi Barnilee
Mo'annaan Barnileen torban darbe Evertenirratti argatan qabxii guddaadha erga Mudde 12 mo'atanii booda isa jalqabaa waan ta'eef.
Weesttihaam Siiwaansii waliin faallaa ture.
Warra Hammer kanarraa maal akka eegamu waanan hin beekneef walqixa ba'un jedha.
Tilmaama Laawuroo: 1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Chelsiifi Kiristaal Paalaas (17:30 GMT)
Kiristaal Paalaas si'a sadaffaa mo'amuufi midhama Zahaa waliin yaaddoo keessa turan. Kanaaf, amma garuu Zahaan deebiyuun gammachuu guddaadha.
Chelsiin torban lamaan darban Maanchester Yunaayitidiifi Siitii waliin mo'amuun yeroo hin taane dabarse. Amma dirree isaanii Istaanfoordi Biriijirratti ni fooyyaa'u jedheen abdadha.
Tilmaama Laawuroo: 2-0
DILBATA

Madda suuraa, BBC Sport
Arsenaaliifi Waatfoordi (13:30 GMT)
Waatfoordi Aresnaaliin mo'achuudhaaf gareewwan 10 keessaa isa tokkodha tibba kana keessa, garuu dhimmi Emireetis waan biraa ta'uu mala.
Amma legaasiin Arsene Wenger akka manaajera Arsenaalitti kan dhumate fakkaata, keessattii Biraayiteniin yeroo darbe mo'amuu isaaniiraan akka fakeenyaatti kaasuun ni danda'ama.
Tilmaama Laawuroo: 3-0

Madda suuraa, BBC Sport
Bornimaawoziifi Tootinhaam (16:00 GMT)
Tootinhaam Bornimaawozirraatti ol aantummaa fudhachuun isaanii kan hin oolledha.
Tilmaama Laawuroo: 0-2
WIIXATA

Madda suuraa, BBC Sport
Istookiifi Maanchester Siitii (20:00 GMT)
Rakkoon Istook ammallee hin furamne. Torban darbes walqixa ba'an. Ammallee goolii lakkoofsisuu hin dandeenye.
Gareen Peep Gaardiyoolaa garuu galmee dirree isaaniirratti osoo hin mo'amiin turuu Roobii darbe Baazeliin mo'amuun dhabaniiru. Ta'us yaaddoo hin qaban.
Tilmaama Laawuroo: 0-2












