‘Ummata miliyoona 80 keessaa namoota 17 qofatu hiyyeeyyiidha,’ Kutaa biyya Chaayinaa

Hiyyummaa biyya Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Kutaan biyya CHaayinaa Jihaangisuu jedhamtu ummata miliyoona 80 ta'an qabdi.

Kutaan biyyattii kun ummata hanga kana keessaa hiyyummaa keessa kan jiraatan namoota 17 qofaadha jetti.

Kun attamiin ta'e laata?

Bulchitoonni kutaa biyyattii akka jedhanitti lakkoofsi namoota waggaa keessatti Dolaara 863 (tilmaamaan qarshii 26,000) gadi argatan 17 qofaadha.

Kan milkeessuun kan danda'ameef hojiiwwan hunda bita ga'aniifi hundumaaf ta'aniifi bu'a qabeessa ta'an hojjechuu danda'uudhaan jedhameera.

Akka lakkoofsi dhuma bara 2019 bahe agarsiisanitti, waggoota afran darban keessa lammileen kutaa biyya Chaayinaa Jihaangisuu jedhamtu keessa jiraatan miliyoona 2.54 ta'an hiyyummaa hamaa keessaa akka bahan gochuun danda'ameera.

Kutaan biyyattii kun bara 2020 keessa ammoo hiyyummaa guutummaan guutuutti dahabsiisuudhaaf karoora tolfattee socho'aa jirti.

Namoonni 17 hanga ammaa hiyyummaa keessa jiru jedhaman haala qacaramanii hojjechuu danda'an keessa jiru jedhu aanga'oonni Jihaangisuu.

Dinagdeen Chaayinaa waggoota kurnan muraasa darbanii asitti akka addunyaatti saffisaan guddatulleen guutummaa biyyattii keessaa garuu hanga barbaadame hiyyummaa dhabamsiisuun hin danda'amneef.

Hiyyummaa dhabamsiisuu dadhabuun alattis garaa garummaan hiyyeessotaafi dureessota gidduu jiru akka malee baayyee bal'ataa dhufeera jedhama.

Kanarra kan ka'eenis hiyyummaa Chaayinaa keessaa dhaamsiisuu kan jedhu kaayyoo mootumman Chaayinadua sar kennituuf ta'eera.

Chaayinaa keessatti jecha 'hiyyummaa' jedhu kan sirriitti waliif nama galchu argachuun rakkisaadha. Kutaawwan Chaayinaa hiikkaan isaan hiyyumaaf kennan akka sadarkaa isaaniitti garaa garadha.

Akka sadarkaa idil-addunyaatti namni waggaatti dolaara 331 gadi argatu hiyyeessa jedhamee ramadama.

Warri akka kutaa bulchiinsa Jihaangisuu ammoo namoota hiyyeeyyiidha jedhanii ramdan waggaatti dolara 863 kan argatan yoo ta'edha.