Abidda Awustiraaliyaa: Jiraattota Awustiraaliyaa balaa abiddaa gidduutti ugguraman

Kibba Awustiraaliyaatti iddoon Oddoola Kangaaroo jedhamu abiddaan barbadaa'eera

Madda suuraa, Paul Stanton / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kibba Awustiraaliyaatti iddoon Oddoola Kangaaroo jedhamu abiddaan barbadaa'eera
Maxxanfame

Awustiraaliyaa gara Kibbaa oddoola Kaangaarootti dhiyaatanii kan jiran hawaasni tokko guutuun balaa abiddaa isaan marsee jiru gidduutti ugguramanii jiru.

Ministirri Muummee biyyattii Iskoot Moriisan Jimaati guyyaa yaaddessaa ta'uu dubbatan.

Keessattuu Kibba Awustiraaliyaa naannawaa oddoola Kaangaaroo jedhamuun beekamuutti gargaarsi hatattamaa akka barbaadamu ibsameera.

Erga bara haaraa 2020 as balaa abiddaa gidiraa argaa kan jirtu Awustiraaliyaan ammas goginsii fi bubbee hamaan biyyattii keessatti dabalaa akka jiru raagi haala qilleensaa ni ibsa.

Iddoowwan 100tti ammallee bosonni gubachaa jira.

Erga Fulbaana darbeetii namoonni 27 caalan balaa abiddaatiin du'aniiru.

Bosonni hektaara miiliyoona 10.3 irraa barbadaa'eera.

Balaa abdiddaan manneen hedduun barbadaa'aniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Balaa abdiddaan manneen hedduun barbadaa'aniiru

Balaa abiddaa Awustiraaliyaatiin erga barri haaraan faranjootaa seenee manneen 1,000 daaraa ta'aniiru.

Balaa kanaan bineensonni lakkoofsaan biiliyoona walakkaatti tilmaamaman du'aniiru

Balaa uumame dandamachiisuuf mootummaan biyyattii doolaara Awustiraaliyaa biiliyoona 1 ramadee hojjechaa jiraachuu ibseera.

Maallaqi ramade kun kan mootummaan federaalaa ramade doolaara biiliyoona 2 irratti dabalataan kan ramadameedha.