'Horii bishaan obaasuu deemee, horiin dhufanii inni achumaan hafe'

Naannoo Amaaraa giddugala Gondar aanaa Xegadee keessatti torban tokko oliif erga ukkaamfamni turanii booda Mudde 12 bara 2012 (A.L..I)tti ijoollee saddeet keeessaa jaha ajjeefamaniiru.
Ijoollota ajjeefaman keessaa tokko Xigaabuu Dassaalanyi mucaa ganna sagaliiti.
Obbo Dassaaleny Maalladee abbaan Xigaabuu haala ilma isaanii itti dhaban BBCtti himaniiru.
Isaan oomisha sassabuuf gara gammoojii deemanitti ilmisaani isaanii waliin horii tiksuuf deemee akka ture dubbatu.
"Sa'a torba booda horii bishaan obaasuu deeme. Horiin dhufanii inni achumaan hafe."
"Anis gammoojii keessa qaxxaamureen barbaadaan ture," jedhaniiru.
Kanaan duras dhimma dhuunfaan dubbii warri walirraa qaban akkasuma ukkaamfamaa waan turaniif akkasuma godhanii jechuun yaadaa akka turan Obbo Dassaaleny dubbataniiru.
"Booda shiftoonni bilbilanii hiineerra. Nama tokkotti Birrii 120,000 fidaa, ijoollee saddet qabneerra jechuun bilbila hatanii qabataniin nutti bilbilaa turan," jedhu.
"Maal isini goonee adaraa nuuf gadhiisaa, nuyi hiyyeesotadha, homaa hin qabnu yommuu isaan jennu, isin waliin dubbii tokkoyyuu hin qabnu, kan barbaadnu birrii waan taheef fidaa nuun jedhan." jechuun Obbo Dassaaleny dubbataniiru.Shiftootni kunneen bilbila ijoollee keenya ukkaamsanitti kennanii akka nu waliin haasa'an gochaa turan jedhu Obbo Dassaalanyi.
"Birrii ergaa, yoo hin ergitan tahe deebitanii nu hin argattan jedhanii dubbataa turanii " jechuun ijoolleen isaanitti dubbachuu himu. Boodaraa shiftootataan tole birrii walitti qabaa jirra jechu isaaniis himaniiru.
"Adaraa hin beelessinaa, hin reebiinaa jennee itti himaa turre." kan jedhan Obbo Dassaalenyi ni ajjeesu jennee garuu waan hin yaadneef birrii walitti hin qabne jedhaniiru.
Booda birrii argachuu akka hin dandeenye fi akka ijoollee isaanii gadhiisaniif kadhatanillee isaan didanii guyyaa saddet booda akka ajjeesaniin himu.
Mucaa yeroo dhukaasanii ajjeesan miliqe tokko odeeffanicha poolisiiti yeroo himeetti akka ijoolleen isaani ajjeefaman akka dhaga'an himu.
"Ijoollee xixiqqaa akkasii ajjeesu jennees hin eegne ture. Ammayyuu ijoollee hafaniifis tahe ofii keenyaaf yaaddoo keessa jirra. "
"Jireenya keenya akkamiin akka gaggeesinu nutti bitaacha'eera. Amma ijoolleen keenya hafan manaa bahaa hin jiran," jedhaniiru.Bakka bu'aan itti gaafatamaa qajeelcha poolisii aanaa Xegedee Inispeekter Ishetee Gabrehiwoot ammayyuu shiftoota jedhaman to'achuuf qorannoo irra akka jiran BBCtt himan.
"Lakkoofsa bilbilaa birrii fidaa jedhanii ittiin bilbilaa turan qabannee teeleef kenninee qorachiisaa turre."
"Hordofnee nama lakkofsicha baase qabneerra. Garuu eessuma kootti gurgureera nuun jedhe. Isa mana hidhaa galchinee eessuma isaa bilbila biraan arganneerra," jedhu.
Eessumni namicha kanaa Maqalee akka jiruufi bilbilicha dabarsee gurguruu isaa dubbatus humni ittisaa akka namicha to'ataniif gaafachuuu isaanii himaniiru.Inispeekter Ishetee Gabrehiwoot Shiftoonni naannichatti irra deddeebiin namoota qabuun saamaa akka turanis himaniiru.
"Kun waanuma beekamudha. Naannoo keenya shiftootni jiru. Isaanis konkolaachistoota dhaabsisuun saamuu, ukkaamsaanis raawwataa ture. " jedhuNamoota akkas godhan hedduus qabanii akka to'annoo seeraa jala oolan goochuu isaaniis dubbataniiru.
Erga ajjeechaan ammaa kun raawwatee ammoo namoota shiftaadha jedhamanii shakkaman maatiin isaanii akka badan himu Inispeekter Isheteen.
"Erga maatiin dhokatanii ammoo gumaadhaan akka hin ajjeefmnee gochaa jirra. Kanaaf shiftootaan kan ajjeefaman tahuu odeeffannoo argachaa jirra." jedhu
Namoota lubbuu namaa ajjeesanii bosona galanis baay'een galmee irraa akka qabaniifi isaanis waan akkasii akka raawwatan dubbatu.
Ajjeechaa ammaa kanaaf garuu To'annoo jala kan oolan hin jiran jedhaniiru.
















