Konkolaataan namni keessa hin jirre Ameerikaatti nama galaafate

Madda suuraa, Getty Images
Namni Ameerikaa magaalaa Niw Yoork jiraatu konkolaataa namni keessa hin jirreen rukutame ajjeefamun gabaafame.
Mikaa'el Kosaanovich torban darbe gaafa Jimaataa konkolaattota lama gidduu dhaabate ture.
Tasa garuu konkolaataan inni tokko sosso'u eegaluu poolisiin ibseera.
Konkolaataan fulduratti qajeele jennaan Mikaa'el Kosaanovich konkolaattota lama gidduutti rukutame.
Namoonni yeroos bakkicha turan namicha gidduudhaa baasuf yaalanis ammas konkolaatichi fulduratti qajeele rukute.
Obbo Kosaanovich miila isaa irratti haalaan erga miidhamee booda gara hospitaalaa geeffamus bulee isaa umrii isaa 21'n du'aan boqoteera.
Poolisiin Niw Yoork akka ibsetti yeroo balaan kuni dhaqqabe Obbo Kosaanovich konkolaataa bituuf ilaalaa ture.
Dubbii Himtuun 'Toyota' biyya Ameerikaa jiru kan taate gadda ishee ibsun wanti ifa ta'e ammatti beekamu baatus qorannoo taasifamu irratti deeggarsa akka taasisan BBC'tti himte.
Dabaluunis, dhaabbani 'Toyota' konkolaataa modeela ''2002 IS'' irratti fagoodhaa akka ajajanif rimootii itti hin galchine jechuun dubbatan.
Kunis, konkolaataa modeela amma ibsame irratti rimotiidhaan akka socho'u gochuu dura sirriitti dalaguun isaa qoratamu akka qabu akeeka.
Qajeelfamni konkolaataa rimootiidhaan socho'u akka ibsutti tarii namni dhiheenya konkolaataa jiru miidhamu waan danda'uf fagoorraa motora isaa rimootiidhaan kaasun hin gorfamu.














