Muhaamaduu Buhaarii: Naayijeeriyaan Afrikaanota garas imalaniif achumatti Viizaa kennuufi

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Amajjii bara 2020 irraa eegaluun lammilee biyyoota Afrikaa gara Naayijeeriyaa imalaniif wayituma achi gahanitti Viizaa kennuuf akka jirtu biyyattiin beeksifte.

Ammaan dura gara Naayijeeriyaa imaluuf dursanii iyyachuun dirqama ture.

Pireezidantiin biyyattii Muhaammaduu Buhaarii kana kan godha "Lammileen Afrikaa bilisaan Afrikaa keessa akka socho'an" kutannoo biyyi isaanii qabdu irraa ka'uun akka ta'e himan.

Murtoon kun Naayijeeriyaan waliigaltee daldala bilisaa biyyoota Afrikaa gidduutti jajjabeessu erga mallatteessitee baatilee shaniin duuba.

Haa ta'u malee qeeqxonni pireezidant Buhaarii, daangaa biyyattii cufuu isaaniitiin isaan qeequ.

Daangaan lafoo biyyattiin biyyoota ollaa waliin qabdu hundi cufameera. Kunis sochii daldala daangaa qaxxaamuree taasifamu danqeera.

Meeshaalee seeraan alaa gara Naayijeeriyaa galan ittisuuf akkasumas biyyattiin keessaahu omishaan nyaataan akka of dandeessu gochuuf jecha daangaan cufamuu eeruun banuuf didan pireezidant Buhaariin.

Naayijeeriyaan miseensa Hawaasa Diinagdee Biyyoota Lixa Afriikaa (Ecowas) kan biyyoota 15 miseensummaan of jalaa qabuu yoo taatu, lammileen biyyoota kanneenii walitti miliyoona 350 ta'an viizaa malee bilisaan socho'uu danda'u.

Pireezidantichi wayita lammilee biyyoota Afrikaa hundaaf wayita achi gahanitti (on arrival) Viizaa kennuuf waadaa galan daangaan biyyatti biyyoota ollaa waliin cufame yoom akka banamu hin himne.

Amajjii bara 2020 booda namni paaspoortii biyya Afrikaa kamuu qabu wayita Naayijeeriyaa gahu achumatti Viizaan kennamaaf.

Ammaan dura garuu biyya isaatii osoo hin bahiin dursee iyyatee ture kan argatu.

Lammileen Afrikaa biyyoota Afrikaa keessa salphaatti socho'uuf ni rakkatu.

Namichi sooressi lammii Naayijeeriyaa Aliikoo Daangootee Afriikaa keessa socho'uuf Viizaa biyyoota 38 argachuun qaba jechuun hagam rakkisaa akka ta'e himee ture.

Siishals, Beniin Ruwaandaa, Toogoo fi Giinii Bisaawu biyyoota lammileen Afrikaa salphaatti garas imaluu danda'an jedhamamnii tarreeffamaniiru.

Hanga bara darbe wayita gahanitti Viizaa kennuu eegaltuutti Itoophiyaan Ikuwaatooriyaal Giinii, Sudaan, Liibiyaa fi Eertiraa waliin biyyoota garas imaluun rakkisoodha jedhaman keessa turte.