Namootni kuma hedduu sagantaa 'ala rafuu' irratti hirmaachuufi

Sagantaa ala rafuu Edanbiraa UKtti qophaa'e

Madda suuraa, JSHPIX.CO

Maxxanfame

Namooti kumaatamaan lakkaa'aman guyyaa har'aa ala rafuudhaan waa'ee mana dhabuu hubannoo kennuufi maallaqa walitti qabuuf yaadaniiru.

Sagantaa 'ala rafuu' guddaa addunyaa kanaa jedhame irratti biyyooti 52 tahaniifi namooti 50,000 ol tahan hirmaachuufi

Qindeessaan sagantaa kanaa Joosh Liitiljoon ''sagantaan kun milkaa'ina guddaa jireenya kooti'' jedheera.

Liitiljoon sagantaa ala rafuu kana waggaa afur dura magaalaa Edanbiraatti kan jalqabe yoo tahu yeroos namooti 270 hirmaatanii turan.

Sagantaalee gurguddoo Iskootilaanditti adeemsifamaniin booda, amma Niiwyoork addabaabaayii Taayims Ikuweerii hanga Seentaraalaa Paark Niiw Delihiitti adeemsifamuuf jira.

Kaayyoon sagantaa kanaa warra mana hinqabneefi baqattootaaf maallaqa paawundii miiliyoonaa walitti qabuufi mootummaa irratti dhiibbaa taasisuun namoota miiliyoona 100 tahan gargaaruu dha.

Joosh Liitiljoon

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Liitiljoon sagantaa kana yeroo dhumaafin qopheessa jedheera

Liitiljoon hundeessaa daldala hawaasaa 'Sooshaal Baayit' jedhamu yoo tahu, qarshiiin sagantaa ala rafuu irraa argamu kuni dhaabbiilee miti-mootummaa 100 gargaaruuf oola.

Qarshiin kana dura sassaabame gamoowwan jireenyaa 831 namoota mana hin qabne gargaaruuf ooleera.

Taatoon Hooliwuud Biriyaan Kooks sagantaa Edanbiraatti raawwatu saaquuf jira.

Wiil Ismiiz fi Deem Heelan immoo seenaawwan kitaabaa yeroo ijoolleen irriba rafan dubbifaman, Taayims Iskuweerifi Landanitti dubbisuun jalqabsiisuuf jiru.

Kantiibaa magaalaa Landan Saadiiq Kahaan dabalatee namoonni beekamoo baayyeen sagantaa kanarratti ni hirmaatu.

Sagantaa ala rafuu Edanbiraatti qophaa'e

Madda suuraa, Sleep in the Park

Ibsa waa'ee suuraa, Edanbiraan biyyoota ala rafuu qopheessan keessaa tokko taatee jirti

Liitiljoon, ''ummanni sagantaa kana akkanatti fudhachuusaaf gammadeera, magaalawwan addunyaa 50 caalantu irratti hirmaachuuf jira,'' jedhe.

''Namoonni ala rafan addabaabayittis tahe, boroo isaaniitti yoo godhan rakkoo hin qabu inni guddaan halkan tokko yeroo fakkaataatti kana raawwachuun warra mana hin qabneef akka oognuufi agarsiisuu dha,'' jedheera.