Aanaa Adaamaatti Poolisootni lama shakkamtoota to'achuf bahan ajjeefaman

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaa ganda Adulaalaa Bokku jedhamutti miseensotni Poolisii godinichaa lama ajaja mana murtiitiin shakkama to'achuuf bahan lama ajjeefamuu Poolisiin godinichaa beeksise.
"Wayita gara gandichaa deeman "maalif qabamu?" jechuudhaan jeequmsi ka'ee uummatni naannoo sanaa miseensa keenyarratti miidhaa geessiseera" ajajaan Poolisii Godina Shawaa Bahaa Komaandar Shifarraa Guutuu BBC'tti himan.
Haleellaa uummataatiin miseensotni poolisii lama ajjeefamuu fi kan biroo lama madaa'anii hospitaala kan jiran ta'us koomaandarichi dubbatan.
Taatee kaleessa ganama sa'aa tokko irratti uumame kanaan poolisoota lamaan dabalataan namni siiviiliin tokkos du'eera jedhan Komaandar Shifarraan.
Maaltu ta'e?
Poolisootni ganamaan gara ganda Adulaalaa Bokkuu imalan shakkamtoota ragaa sobaa kennuun shakkaman sadi to'annoo jala oolchuuf ture.
"Ijoollee wayiitu ragaa wayii bayee ture. Mana poolisiitti ragaa bahaniiti, gaafa mana murtiitti akka ragaa bahan abbaa alangaan barbaadaman dhiyaachuu didani," jedhu bulchaan ganda Adulaalaa Bokkuu Obboo Badhaadhaa Daadhi.
Akka komaandar Shifarraan jedhanitti ammoo ragaan namoonni kunneen duraan kennan ragaa sobaati.
"Namootni kun kana dura 'namni nama ajjeeseera' jedhanii ragaa sobaa namarratti bahanii turan. Amma galmeen qulqullaa'ee lammata koottaa ragaa bahaa yeroo jedhaman ragaa bahu didan."
"Ragaan kennan ragaa sobaa ta'ee gaafa qoratamuu jalqabu manni murtii akka dhiyeessinu ajaja baase. Ajaja mana murtii raawwachuun dirqama waan ta'eef poolisootni garas deeman" jechuun dhimmicha ibsu Komaandar Shifarraan.
"Namootni kun duraanis yakka raawwatanii ammas yakka lammataa nurratti raawwatani" jedhu ajajaan Poolisii Godina Shawaa Bahaa Komaandar Shifarraa Guutu.
Bulchaan gandaa Adulaalaa Bokkuu Obbo Badhaadhaan poolisiin yakkamtoota kana qabuuf akka dhufe quba hin qabnu turre jedhan.
Akka odeeffannoo qabanitti poolisoonni shakkamtoota qabuu dhufan dursa nama dogoggoraa waan qabaniif walitti bu'iinsa uumameen abbaan nama dogoggoraan qabame sanaa ajjeefamuu himu.
Sana booda lolli ka'ee isaaniis wayita birmatanii achi gahan polisoonni sadi rukutamanii garuu lubbuun akka keessa jiru dubbatu.
Uummata tasgabbeessanii polisooti miidhamanis milishaa gandaan gargaaramanii akka achii bahan taasisuuf yaalanis uummanni irra gatee lubbuu baasuu dubbatu.
Miseensotni poolisii kunneen meeshaa waraanaa osoo qabatanii jiranuu bifa sukaneessaa ta'een ajjeefamuu komaandar Shifarraan BBC'tti himaniiru.
"Qottoodhaan, gajaraadhaan, sibiilaan akka diinaatti mataa keessa rukkutamaniiti kan du'an. Kun baay'ee nu gaddisiisa" jedhan.
"Poolisiin Oromiyaa yeroo rakkoo sanallee itti hidhamaa itti du'aa ture. Gochaan kun uummata Oromoo bakka bu'a jennee hin yaadnu."
"Namumti nuti keessaa bane, namumti waliin jiraanne gochaa akkanaa yeroo nurratti raawwatu baay'ee nu gaddisiise" jechuunis dubbatan ajajaan Poolisii kun.
Namootni poolisoota irratti haleellaa raawwatan hanga ammaatti akka hin qabamnes himaniiru.
Yeroo ammaatti naannichatti nagaan jiraachuu kan himan komaandarichi "miseensa keenyatu du'e jennee uummata keenyarratti miidhaa hin geessisne" jedhan.
"Haa ta'u malee gara fulduraatti olaantummaa seeraa fi nageenya naannoo mirkaneessuf dogongorri akkanaa nurratti raawwatamuu akka hin qabne ibsuu barbaada" jedhaniiru.














