KALLATTIIN, Iraan jila US hin argu jechuun adeemsa marii nagaa yaaddoo keessa galche

Aanga'oonni Iraan gareen lameenuu mata duree marii biraatti ce'uu dura torbee lama dura wayita waliigalteen mallattaa'u haal dureewwan taa'an kabajaa jiraachuu mirkaneessuu qabu jedhan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dhuguma Keep Verdeen Arjantiinaa ni injifattii?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Biyyi kun baroota dhihoo as sababa ispoortiin addunyaarratti daran beekamaa jirti.

    Dorgommii Waancaa Addunyaarratti ammoo hunda caalaa addunyaa ajaayibsiiteetti.

    Ammammoo morkii cimaa Arjantiinaa waliin qabdi. Ni mo'attii?

  2. Gammachuun Waancaa Addunyaa lubbuu namoota sadii galaafate

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Magaalaa Meeksikootti namoonni sadii Waancaa Addunyaatiif gammachuu ibsachuurratti du'an.

    Dubartiin ganna 19 namoota du'an keessaa takka dha. Namoonni kunneen Kibxata osoo gammachuu ibsachaa jiranii wal ukkaamsanii du'an.

    Dubartiin ganna 48 fi namichi ganna 44 namni walitti duudee wal ukkaamsuun kanneen dhuman keessaayi.

    Biyyattiin Roobii Ikuwaadoor 2-0 mo'achuun gammachuu ibsachaa wayita turanittidha kan osoo gammachuu ibsatanii dhuman.

    Namoonni miliyoona tokko ta'an magaalaa walakkaa karaatti bahuun keessatti naannoo siidaa Bilisummaa Anjels jedhamutti gammachuusaanii ibsachaa turan.

    Biyyattiin bara 1986 booda yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaa qopheessuun nyaatte.

    Kantiibaan magaalaa Meeksikoo Kilaaraa Biruugaadaa "gadda guddaatu natti dhagahama" jette maatii namoota lubbuu dhabaniif.

    Guyyoota itti aananitti deeggarsa akka godhanis waadaa seenan.

    Aangawoonni sektara fayyaa namootni sadii balaa kanaan bakkeewwan garaagaraa naannawa Paseo de la Reforma'tti miidhamanii gaggaban hospitaala geeffamuu himan,.

    Sadan isaanii ukkaamamanii du'uu maatiin isaanii mirkaneessan.

    Miidiyaa hawaasaarratti duuti namoota odeeffamnaan Kantiibaa Biruugaadaan "deeggartoonni yeroo hundumaa of itti gaafatamummaa, eeggannoofi naatoon" akka gammachuu isaanii ibsatan waamicha goote.

  3. Humni Addaa Sudaan yakka farra namoomaa raawwate - Amnistii

    Dubartoota Sudaan Hijaaba uffatan

    Madda suuraa, https://bbc.com.im/reel/video/p0ks0ly2/watch%3C/span%3E%3C/p%3E%3C/div%3E%3C/figure%3E%3Cdiv dir="ltr" class="css-1k9op6x e17x9cvu0">

    Humni Addaa Sudaan RSF jedhamu bara darbe magaalaa el-Fashaar yeroo qabate yakka farra namoomaafi saba dhabamsiisuu raawwate jechuun dhaabbati mirga namaaf falmu Amnistii Intarnaashinaal ibseera.

    Magaalaa el-Fashaar lixa Daarfuur jirtu yeroo to'atan seenaa waraanaa waliinii keessatti haleellaa isa akkaan dhiiga dhangalaase jedhameera

    ''Yakki RSF kuni ajjeechaa, hidhaa, humnaan namoota daddabarsuu,dararaa, gudeeddii, gabrummaa saal-quunnamtiifi gosa haleellaa saalaa biraa akkasumas arii'atama dabalata,'' jedha qorannoon Aministiin Roobii gadhiise.

    Gabaasa Amanastii kanarratti RSF deebii kennuu baatus himannaa kanaan dura irratti ka'aa ture garuu waakkateera.

    Sudaan waraana RSF fi waraana biyyattii gidduu adeemaa jiruun waggaa sadiif gidiraa keessa jirti. Lola kanaan namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman yoo du'an miiliyoona 14 kan tahan ammoo buqqa'aniiru.

    Haleellaan saalaa dhiirota, dubartootaafi ijoollee irratti raawwatu akka tooftaa waraanaatti fayyadaaa jiraachuutu himama.

    Qaamoleen wal lolan lamaan yakka waraanaa raawwavchuun UN'n himatamanillee ni waakkatu.

  4. Iraan jila US hin argu jette, kun adeemsa marii nagaaf yaaddoo uume

    Jared Kushner (bitaa) fi Istiiv Witkof (mirgarraan)

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan jila Ameerikaa gara Baha Giddugaleessaatti imale arguuf akka hin jirre ibsite.

    Kunis erga walitti dhukaasuun irra deebiin eegalameeti.

    Tarkaanfiin Iraan kun adeemsa marii nagaa akka gufachiisu sodaatameera.

    Anga'oonni Iraan mata duree biraa irratti mari'achuu dura qaamoleen lameenuu torbee lama dura wayita waliigalteen walhubannoo mallattaa'u haal-dureewwan tarreeffaman hojiirra oolchuurratti xiyyeeffachuu qabu yaada jedhu dhiheessan.

    Mata dureewwan ciccimoo kanneen akka sagantaa nukilaraa Iraan daangessuutti seenuu dura, haal dureen kaa'ame haa kabajamu jetti Iraan.

    Odeessi haaraan kun biyyoonni lameen ammallee waa'ee Ulaa Hormuuz banuu fi guyyoota 60f dhukaasa dhaabuu irratti yaadaan walirraa fagoo akka jiran akeeka.

    Marii Dohaa, Qataar irratti hirmaachuuf Waayit Haawus soddaa Tiraamp Jaareed Kushnar fi ergamaa addaa Tiraamp Istiiv Witkof garas imalaniiru.

    US marii sadarkaa olaanaaf namoota kunneen filattee erguu himte.

    Iraan fi keessummeessituun marichaa, Qataar, garuu mariisistoota waliin maliin kanneen Iraan bakka bu'uun mari'atan waliin walarguuf akka hin jirre ibsan.

    Qataar akka jettetti Ministirri Muummee biyyattii Sheek Mohammad bin Abdurrahmaan al-Saanii jila Ameerikaan ergite Kushner fi Witkof arganiiru.

  5. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii Roobii, Adoolessa 1, 2026 eegalleerra. Dhimma marii US fi Iraan fi dhimmoota addunyaa kaan irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo isin biraan geenya.

    Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok ni argattu.

    Bakka nagaa oolaa!