Abbaan qabeenyaa 'Mercedes-Benz' carraa hojetoota 10,000 hir'isuuf

Mercedes-Benz badge

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Dhaabbanni omisha konkolaataa 'Mercedes-Benz' biyya Jarmaniitti bu'uurreeffate addunyaa guutuutti yoo xinnaate carraa hojii 10,000 cufuun gara konkolaataa elektirikaatti geedaruuf kakoora murteessu beeksiise.

Ittigaafatamaan dhaabbatichaa Wilfiried Porth gaazexessitootatti akka himaniitti, baayyinni hojii hirratuu olaanaadha jedheera.

Murteen kunis erga dhaabbanni morkataa isaa Audi hojiiwwan Jarmanii 61,000 keessaa 9,500 kaayyoodhuma wal fakkaatuuf nan hirrisa jedheen yuggootaan boodadha.

Dhaabbanni Mercedes-Benz'indisutiriin konkolaataa kuni 'seenaa keessa tiransformeshinii olaanaa' keessa darbaa jira jedheera.

"Misoomni omisha konkolaataa elektirikaa invastimantii olaanaa gaafata waan ta'eef, dhaabbatichi Sadaasa keessa sagantaalee dorgomtummaa, kalaqaa fi dandeettii maallaqa isaa cimsuu kan labseef,'' jedheera.

''Qaama sagantaa kanaa keessaa tokko baasii hojjataa dhuma 2022'tti paawundii biliyoona 1.4 hirrisuu yoo ta'u, sadarkaalee aangoo addunyaa guutuu jiran %10 hirrisuudha.''

Konkolaataa Elektirikaa

Dhaabbanni kunis addunyaa guutuutti humna hojjataa gara kuma 300 ta;aniifi warshaalee biyyoota 17 kan qabu yoo ta'u, ''haala fudhatama qabuun baasiifi hojii hirrifna'' jedhaniiru.

Kana malees, carraa hojii biyya Jarman keessaa dabaluuf, haalli hojii sa'aa hojiin boodaa akka babalatu kan himan ittigaafatamaan dhaabbata kanaa, sadarkaalee hojii bulchiinsaa hirrisuuf karoora qabaachu himu.

Karoorri kunis kaawunsilii hojjattootaa waliin kan irratti walii galamee yoo ta'u, kana keessattis bakka bu'oonni yuniyoonootaa hirmaachu himu.

Dhaabbanni omisha konkolaataa kunis teknolojiiwwan haaraa kan akka konkolaataa ofiin of oofanii fi kanneen elekitirikaan hojjatanii eegaluuf baayyee booddeetti harkifachutu himama.

Haaluma wal fakkaatunis, sababii waldhabdee US fi Chaayinaa jidduutti umameen, gabaa gama Chaayinaatiin rakkinni mudate ture.