Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naayijeriyaatti mandarri maqaanshee 'Goowwootaa' jedhamtu maqaa geedaratte
Kaaba Naayijeeriyaatti mandarri maqaa 'warra gowwaa'' jedhamuun beekamtu tokko komii jiraattoonni bara dheeraaf dhageessisaniin, maqichi akka geedaramu ta'eera.
Jechi 'warra goowwaa (Idiots) ykn afaan Hawusaatiin 'Unguwar Wawaye' jedhu kunis geedaramuun, mandara 'argama waan hundaa' jedhamee moggaafamuun ifa ta'eera.
Kanas ifa kan taasisan imaama mandarichaa turan.
Kun namni mandaraa kana keessaa dhufe tokko yeroo mandara 'Warra Gowwootaatiin' dhufe jedhu maal akka itti dhaga'amu tilmaamuun nama hin rakkisu.
Jiraattoota mandarittiis, naannoo biraatti mandara warraa Gowwaatoorraan dhufe jechuun yeroo himataa turan baayyyee qaanneessaa ture jechuun attamiin waggoota dheeraaf kan kolfaa ta'aa akka turan jiraattoonni BBC'tti himaniiru.
Jiraataan naannichaa Baalaa Saannii jedhamu tokkoos, ''Ani mandara 'Goowwatiin' dhufe jedhee namatti himuu nan qaanneeffadha ture. Amma garuu boonaan 'kanan dhufe mandara 'argama waan hundaa' jedha,'' jechuun attamiin qaanii keessa jiraata akka turan BBC'tti hime.
Kana malees, jiraattoonni mandarichaa Imaama maqaan mandara kanaa geedaramu himan galatteeffataniiru.
Mandarri kunis maqaa 'Mandara warra Gowwaa' jedhu kan argatte waggoota 70 dura yoo ta'u, kunis namoonni dhiheenya laga 'Gowwaa'' jedhamu qubachuun jiraachuu eegaluusaanitiin wal qabate akka ta'ee himama.
Haata'u malee, lagichi mataansaa maaliif moggaasa akkasii akka argate wanti beekamu hin jiru.