Dooniin fe'umsaa hoolota 14,000 baattee garagalte

Madda suuraa, ISU Constanta
Dooniin fe'umsaa hoolota 14,000 baattee naannoo qarqara galaanaa Romaaniyaatti garagalteetti, lubbuu baraartonnis beeyladoota kana oolchuuf yaalaa jiru.
Dooniin Queen Hind jedhamtu Dilbata ganama ture buufata galaanaa Midiyaa jedhamu, magaalaa Konstaantaa galaanaa Black Sea jedhamu irraa kan kaate
Hojjettoonni doonittii 22 kan lammii Siiriyaa tahan baraaramaniiru.
Hojii lubbuu baraaruu kanarratti poolisii, ogeessota ibidda dhaamsan fi eegdotni naannoo galaanichi irratti hirmaataniiru.
Hooloti 32 kan qarqara odolawwaniitti otoo daakanii argaman lubbuun kan oolfaman yoo tahu baayyeen isaanii garuu hin dhidhimiin hin oolle.
''Lakkoofsa xiqqoo dha kan oolchine, galaanicha otoo daakanii isaan arganne.'' jechuun dubbi himtuun tajaajila yeroo balaa magaalaa Konstaantaa Ana-Maria Stoica BBCtti himteetti
Hojiin lubbuu baraaruu guyyaa har'aa kanas akka itti fufeera.
Hojjetaan doonittii tokko garuu sababii ho'ina qaamaa gadi bu'aa taheen gara hospitaalaa geeffameera.
Angawooti naannichaa sababiin doonittii garagalche hanga yoonaa yoo beekamuu baateyyuu qorannoon taasifamaa jira jedhaniiru.
Dooniin buufata galaanaa Miidiyaa irraa kaate gara magaalaa Saawudii Arabiyaa Jiddaa deemaa turte.
Gaafa sadaasa 23 ture Liibiyaa, Tiripoolii irraa gara buufata galaanaa Miidiyaa kan dhaqxe.
Doonittiin bara 1980tti kan hojjetamte yoo tahu toonii 3,785 baachuu dandeessi.
Romaaniya Gamtaa Awurooppaa bineeldota dhaabbii gurguruun beekaman keessaa ishee guddoo dha.
Balaan wal fakkaataa qarqaruma galaanaa Black Sea naannoo Tarkiitti bara 2017tti mudatee ture.

Madda suuraa, ISU Constanta















