Awustiraaliyaan, Chaayinaan paarlaamaa koo basaaste jechuun komatte

Awustiraaliyaan basaasa jedhame xiyyeeffannaan qorachaa jiraachuu ibsite

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Awustiraaliyaan basaasa jedhame xiyyeeffannaan qorachaa jiraachuu ibsite
Maxxanfame

Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Scott Morrison paarlaamaan isaanii lootee seentota Chaayinaatiin basaasamaa jira oduun jedhu ''baay'ee kan nama jeequudha'' jedhan.

Jette jetteen waa'ee basaasa Chaayinaa jalqaba miidiyaa naannoo 'local network Nine' jedhamuun gabaafame.

Akka gabaasa kanaatti qaamni basaasaa Chaayinaa tokko nama lammummaa Chaayinaa fi Awustiraaliyaa qabu kan miseensa paarlaamaa biyyattiif dorgomaa ture jala bu'uun basaasaa ture.

Ejensiin Tika Biyyaalessaa Awustiraaliyaa dhimmicha gadi fageenyaan qorachaa jiraachuu yoo ibsu mootummaan Chaayinaa garuu callisuu filateera.

Gabaasa argataniin hedduu kan rifatan Aab Morrison garuu ''dafnee murteessuu hin qabnu'' jedhan.

Qaamni paarlaamaa Awustiraaliyaa basaasu, kan qaamoleen tikaa Awustiraaliyaa lammii Chaayinaati ittiin jedhan, kun maallaqa ittiin argachaa jiraachuun beekameera.

Filannoo waliigalaa Awustiraaliyaa keessatti Caamsaa darbe filatame dursuun ergamtoonni Chaayinaa nama konkolaattota hedduu qabu Nick Zhaotti siqaa turan.

Nick Zhao miseensa paartii biyya bulchuu yoo ta'u paarlaamaaf dorgomee magaalaa Mebourne bakka bu'uun teessoo argachuuf hojjechaa ture.

Akka qaamoleen tika mootummaa Awustiraaliyaa jedhaitti basaastonniChaayinaa kunneen dorgommii miseensummaa paarlaamaaf deggersa maallaqaa hanga doolaara Awustiraaliyaa miiliyoona 1 Nick Zaof kaffalaniiru.

Nick Zhao gamasaatiin odeeffannoo waa'ee damee tikaa fi paarlaamaa Awustiraaliyaa basaastota Chaayinaaf kennaa ture jedhama.

Namni kun hoteela magaalaa Melbourne keessatti Bitootessa darbe lubbuunsaa kan darbe yoo ta'u, du'i isaa mootummaan Awustiraaliyaa qorannoo akka eegalu taasiseera.

Akka gabaasa miidiyaa naannoo 'Nine' jedhamuutti garuu namni basaasaadha jedhamee shakkame kun dhimma biraadhaan koolugaltummaa Awustiraaliyaa keessatti nama gaafatee jiruudha.

Namni kun Wang Williams Liqiang jedhama.

Namni kun ergama basaasaa biyyoota akka Hong Kong ,Taayiwaan fi Awustiraaliyaa keessatti raawwatu ilaalchisuun qondaaltotaaf odeeffannoo kennaa ture.

Wang Liqiang basaasaa Chaayinaa akka ta'e miidiyaa Awustiraaliyatati himaa ture

Madda suuraa, STEVEN SIEWERT/THE AGE

Ibsa waa'ee suuraa, Wang Liqiang basaasaa Chaayinaa akka ta'e miidiyaa Awustiraaliyatati himaa ture

Waangi akka miidiyaa Awustiraaliyaa '60 Minutes' jedhamutti himetti waa'ee ergama basaasaa Chaayinaan Awustiraaliyaa keessatti raawwacha ajirtuu fi dhiibaa siyaasa Awustiraaliyaa irraan ga'amaa jiruu sirriiitti akka beeku dubbate.

Imbaasiin Chaayinaa garuu namni kun of bakka bu'ee akka dhuunfaatti dubbataa jira malee Chaayinaa bakka hin bu'u jechuun ibsa kenneera.

Akka imbasiin kun jedhutti namni basaasaa ofiin jedhu kun baqataa fi nama yakkaan biyyaa ba'eedha, akkasumas nama passport sobaatiin himatamee biyyaa baqateedha.

Jettee jetteedhaan ariifannee murteessuu hin qabnu kan jedhan Ministirri Muummee Morrison Chaayinaan michuu diinagdee biyyasaanii akka taate dubbatan.