Barruuleen Awustiraaliyaa iccitii mootummaa mormuuf jecha fuula jalqabaa gurraachessan

Barruuleen gurguddoon Awustiraaliyaa fuula jalqabaa gurraachessan
Ibsa waa'ee suuraa, Barruuleen gurguddoon Awustiraaliyaa fuula jalqabaa gurraachessan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Barruuleen ykn gaazexaawwan gurguddoon Awustiraaliyaa kanneen wal dorgoman, wal ta'uun mootummaan hojii hojjetu keessatti iccitii baay'iseera jechuun mormii eegalaniiru.

Keessattuu hacuuccaa walabummaa miidiyaa irra ga'aa jiru balaaleffataniiru.

Barruuleen kanneen akka 'The Daily Telegraph fi The Sydney Morning Herald' jedhaman maxxansa fuula jalqabaarratti qalama gurraacha dibuun jaamsaniiru.

Barruuleen kunneen fuula jalqabaa gurraachessuun alatti chaappaa qalama diimaan hojjetame kan barreeffama 'secret' jedhu qabu irra kaa'uun iccitii mootummaa mormuusaanii agarsiisaniiru.

Kaayyoon mormii kanaa seera tikaa biyyaalessaa kan miidiyaa ukkaamsuu fi aadaa iccitii hawaasa biyyattii keessatti babal'isu dura dhaabbachuu akka ta'e barruuleen kunneen beeksisaniiru.

Walabummaa pireesii kan deggeru ta'uusaa kan ibsu mootummaan Awustiraaliyaa garuu'' eenyullee seeraa ol miti'' jedha.

Waxabajjii darbe poolisiin Awustiraaliyaa Miidiyaa guddicha biyyattii 'Australian Broadcasting Corporation (ABC)' weeraruun isaa gaazexeessitootaa fi uummata biyyattiirraa komii cimaa kaasiseera.

Dhaabbati miidiyaa kun akka jedhutti sababiin pooliisin isaan weerareef inni jalqabaa odeeffannoon dhoksaan nama dhuunfaarraa argatan waan qilleensarra ooleef.

Inni kan biraan ammoo odeeffannoo waa'ee yakka waraanaa fi qaamoleen mootummaa hawaasa Awustiraaliyaa basaasaa jiraachuu agarsiisu waan qilleensarra oolchaniif ta'uu ABCn beeksiseera.

Duulli Wiixata har'aa mata duree ' Mirga waan raawwatamaa jiru beekuu' jedhuun eegalame TV, raadiyoo fi miidiyaalee online ta'an hedduudhaan deggerameera.

Hoogganaan Dhaabbata Miidiyaa 'News Corp Australia' Michael Miller, suuraa fuula barruulee kanneenii qalama gurraacha dibamanii fayyadamuun tuwiitarii isaaniirratti wayita barreessan,'' Uummanni mootummaan maaliif waan hunda akka jalaa dhoksu gaafachuu qaba'' jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Daarekatarri ABC David Anderson, '' Awustiraaliyaan addunyaarratti dimokiraasii iccitiin itti baay'atu qabaachuudhaan balaa guddaaf saaxilamuuf deemti'' jedhan.

Mootummaan biyyattii Dilbata kaleessaa akka beeksisetti sababii duula mormii kanaan yoo xiqqaate gaazexeessitoota sadi adabbiin cimaan ni mudata jedheera.

Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Scott Morrison dimokiraasii Awustiraaliyaa keessatti tiksuuf walabummaan pireesii akka barbaachisu dubbatanii garuummoo 'olaantummaan seeraa' kabajamuu qaba jedhan.

''Kunimmoo anas, gaazexeessaas, abbaa fedhes ni ilaallata'' jedhan.

Poolisiin ABC wayita weeraran

Madda suuraa, AFP