Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Araamkoo: Dhaabbati boba'aa guddichi addunyaa qaamolee dhuunfaa hirmaachisuuf
Dhaabbati boba'aa guddichi Sa'uudii Arabiyaa Araamkoon yeroo jalqabaaf hawaasa hirmaachisuuf jedha.
Dhaabbati boba'aa qabeenya mootummaa Sa'uudii ta'e kun dhimma kana fuula tuwiitarii isaarratti afaan arabaatiin beeksise malee bal'inasaa hin ibsine.
Sa'uudiin qaamolee dhuunfaaf qooda dhibbeentaa 1 yookiin 2 kennuu akka dandeessu ibsiteetti.
Dhaabbti Boba'aa Araamkoo doolaara Ameerikaa tiriliyoona 1.2tti tilmaamama.
Xiinxalaan daldalaa Chris Beauchamp dhaabbata Araamkoo keessatti invest gochuun sodaa guddaa qaba'' jedhan.
Yaaddoon siyaasaa fi hanqinni tarsimoo dhaabbata kana mudachaa jiraachuu tibba darbe dirooniidhaan haleelamee gubachuusaarraa ni hubatama.
Waa'ee Araamkoo
Hundeeffamni Araamkoo bara 1933 ta'uutu himama.
Bara sana walii galteen Sa'uudii Arabiyaa fi dhaabbata boba'aa 'Standard Oil Company of California' jedhamu gidduutti gufatee ture Sa'uudiin akka kan mataashee qabaattuuf ka'umsa ta'e.
Bara 1973 fi 1980 gidduutti Sa'uudiin Kaampaanii sana guutummaasaa bitte.
Sa'uudii Arabiyaan Veenzuweelaatti aanuun qabeenya boba'aa guddaa biyya qabduudha.
Oomishuudhaan ammoo Ameerikaatti aanuun lammaffaarra jirti.
Garuu kubbaaniyyaawwan boba'aa hunduu mootummaadhaan waan qabamanii jiraniif ,akkasumas ammoo biyyattii keessatti salphaatti boba'aa baasuun waan danda'amuuf Sa'uudiin biyya kam caalaayyuu boba'aadhaan addunyaarratti beekamteetti.
Biyyoota boba'aa qaban keessatti boba'aan naannawa galaanaatti waan argamuuf galaana jalaa baasuun ni rakkisa, kan Sa'uudii garuu dirree galaanni hin jirre waan ta'eef haala salphaan baasuun danda'ama.
Haala kanaan Sa'uudiin boba'aa baarmeelii tokko baasuuf doolaara Ameerikaa 10 caalaa akka hin baasnetu himamama
Sa'uudiin maaliif qooda Araamkoo gurguruu barbaadde?
Sa'uudiin Arabiyaaf boba'aan utubaa diinagdee isheeti.
Amma garuu diinagdee boba'aarratti rarra'erraa gara biraa jijjiiruu waan feetuuf biyyattiin kubbaaniyyaa boba'aa kana qooddee gurguruu akka barbaaddu ibsiteetti.
Mootiin Sa'uudii Mohaammad bin Salmaan karoora hanga bara 2030tti qabatan keessatti diinagdeen biyyattii damee danuu keessaa akka maddu barbaadaa jiraachuusaanii beeksisaniiru.
Karoorri isaanii ifa aduurraa anniisaa maddisiisuu akka ta'e, kunimmoo dachee gammoojjii biyyattii keessatti akka milkaa'u xiinxaltoonni diinagdee biyyattii ni dubbatu.
Biyyi addunyaaf cufaa turtee fi aadaa isheerratti cichitu Sa'uudiin yeroo dhiyoo as addunyaaf banaa ta'aa jirti.
Fulbaana darbe daawwattoota idil addunyaaf ulaashee saaqxee turte, biyyoota 49 tajaajila VISA bilisaa kennite ,akkasumas aadaa uffata dubartootaa isa duriirratti cihuus hambisteetti.
Ministirri Tuurizimii Sa'uudii Ahmad al-Khateeb haalli amma biyyattii keessatti uumamaa jiru waan seena qabeessa jedhan.
Biyyattiin hanga bara 2030tti ga'een damee tuurizimii guddina diinagdeeshee keessatti harka 3-10 akka ta'uuf hojjechaa jirti jedhan.
Mootiin Sa'uudii murtee akkanaarra kan ga'an erga addunyaarraa dhiittaa mirga namaatiin qeeqni itti heddummaateeti.
Keessattuu ajjeechaa gaazexeessaa gameessa biyyattii Jamaal Kashoogjii booda maqaan biyyattii badeera.