Pirezidaantiin Chiilii hiriira mormii booda kaabineesaanii mara hari'an

Madda suuraa, AFP
Pirezidaantiin Chiilii Sebastian Piñera mormii uummataa booda kaabinootasaanii hunda hojiirraa hari'an.
Pirezidaantichi caasaa mootummaa haaraa hundeessuun rifoormiiwwan gaaffilee uummanni kaasaa jiru deebisuu danda'an diriirsuuf murtee kana akka fudhatan ibsan.
Uummanni biyyattii daandiirratti hiriira ba'uun gaaffiin inni kaasaa ture gaaffii sirrii fi kan hatattamaan deebii argachuu argachuu qabu ta'uu amanna jedhan.
''Fedhii uummata kanaa guutuu fi gaaffii ka'aa jiru deebisuuf kaabinoonni amma jiran jijjiiramuu qabu. Gaaffii uummataa namoota deebisaniin caasaan mootummaa ijaaramuu qaba.'' jedhan.
Lammiileen Chiilii miiliyoona tokko caalan Jimaata darberraa eegalanii daandii magaalaa Saantiyaagoo irratti ba'uun gaaffii haqaa fi dimokiraasii gaafachaa turan.

Madda suuraa, Reuters
Gaaffii hawaasaa daandiirratti dhaadannoo uumataa dhagahanii akka hubatan kan ibsan Pirezidaanti Pinera ''Hiriirtonni dhugaa qabu. Chiiliin bakka kaleessa turte hin jirtu'' jedhan.
Pirezidaantichi qajeeltoo sa'atii murtaa'e booda sochii uummataa dhorku kan torban tokkoof tures kaasaniiru.
Mormitoonni ammoo labsiin yeroo muddamaa kaa'amee ture akka ka'u gaafataniiru.
Chiilii keessatti erga uummanni gaaffii haqaa fi dimokiraasii gaafachuuf hiriira eegalee torban tokko darbe kana keessatti namoonni 17 ajjeefamaniiru, hedduun ammoo miidhamaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Hiriirri mormii torban tokkoof Chiilii keessa ture Jimaata darbe wayita walitti bu'iinsi quuqamtoota mirga namoomaa fi poolisii biyyattii gidduutti uumame akka dhaabbatu taasifameera.
Labsii nageenyaa kan labsan Pirezidaanti Pinera ''Waan hundayyuu jijjiirreerra. Gaaffiin haqaa, dimokiraasii fi tokkummaa lammiileen Chiilii har'a gaafataa jiran daandii egeree keenyaa kan nuuf banuudha'' jechuun tuwiitarii isaaniirratti barreessan.

















