Maqaleetti poolisiin hiriira nagaa taasifamuuf ture bittinse

Madda suuraa, Haphtom berhe
Waldaan 'Hidrii Sab' jedhamu guyyaa har'aa hiriira nagaa magaalaa Maqaleetti taasisuuf waamee ture bu'uura seeraa hin qabu jedhame dhorkame.
Hiriirri nagaa kuni kan waamame barattoota barnoota olaanoo bakkeewwan rakkoowwan isaan qunnama jedhanii yaadanitti Naannoon Tigraay akka hin ergine dhiibbaa irratti uumuuf ture.
Naannichi torban kana keessa barattoota gara Naannoo Amaaraatti hin ergu erga jedheen booda Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo kana akka hin fudhanne beeksisee ture.
Dura taa'aa qaama hiriira kana waame kan ta'an Obbo Mahaarii Yohaannis BBC'tti akka himanitti xalayaa hiriiraa barreessituu kantiibaa magaalaa Maqaleef galchuu isaaniifi garagalchas poolisii Godinaaf galchuuf yaalii taasisanis hin fudhannu akka jedhaman himaniiru.
Dabalataanis, hiriira nagaa gaggeessuuf mootummana haala akka mijeessu malee eeyyamuus ta'e dhorkuf bu'uura seeraa hin qabu jedhaniiru.
Har'a ganama namoonni addabaabayii magaalaa Maqalee Romaanaat jedhamu biratti walitti dhufani jennaan poolisoonni garas dhufani hiriirri seeraa kan hin eegne jechuun akka isaan dhaabsisan ajajamuu isaanii himuun akka bittinnaa'an gochuu isaanii kanneen hiriiricha qindeessan himaniiru.

Madda suuraa, Haphtom Berhe
Qindeessitoonni hiriira kanaa akka jedhanitti poolisii waliin walitti bu'uun sirrii waan hin taanef yeroo lammataaf poolisiif beeksisuuf xalayaa akka galchan himaniiru.
Kantiibaan Itti - aanaa Magaalaa Maqalee waa'ee hiriira nagaa dhorkame jedhame gaafatamanii ''hiriirri dhorkamuu hin qabu. Yoo ta'es, dhimmi nageenyaa irratti eenyu gaafatamee deebii maal kenne gaaffiiwwan jedhan deebisuun barbaachisa,'' jedhaniiru.
Xalayaa fudhatee qaama ilaallatuf kan hin kennine yoo jiraate ni adabna jechuun Obbo Birhaana G/Iyyasuus himaniiru
Magaalaa kanatti hiriira taasisuun yoo dhorkamu torban kana keessa qofa kuni yeroo lammataafi.
Silaa hiriirri gaafa Dilbataa (boru) miidhaan saalaa dubartoota irratti baay'ateera jedhun taasifamuuf ture dhorkamuun isaa ni yaadatama.













