Paul Gascoigne tutuqqaa saalaan himatame dhaddacharratti imimmaaniin waakkate

Madda suuraa, PA Media
Taphataan kubbaa miilaa duraanii beekamaa lammii biyya Ingilaand ta'e kun Paul Gascoigne jedhama. Dubartii tokko osoo baaburaan imalaa jiranii "dirqamaafi miira maal-dhibdeedhaan" dhungatte jechuudhaan himatamee mana murtiitti dhiyaate.
Taphataan kun dhaddacharratti baabura keessatti yakka tutuqqaa saalaa raawwatteetta yeroo jedhamutti imimmaan roobsaa akka yakka kana hin raawwannee waakkateera.
Taphataan ganna 52 kun, Hagayya 2018 keessa Yoorkirraa gara Niiwuukasilitti baaburaan yeroo imalaa jiranitti dubartii miiltoo isaa taate tokko "dirqamaan miira maal-dhibdeedhaan" dhungatteeta jechuun himatamee mana murtiitti dhiyaate.
Inni garuu Mana Murtii Teesidee Kiroowun duratti dhiyaatee haaleera.
Taphataan kun yaada mana murtichaaf kenneen, dubartii irratti himatame kana imalaan baabura sana keessa ture biraan tokko, yeroo inni "furdoofi fokkistuu" jechuun ishee ibsun duubaan dhaga'e jedha.
Kanarraan ka'uudhaan, akka isheetti hin dhaga'ameef jecha miira ofitti amanamummaa akka qabaattu mirkaneessuufiif barbaadeen jedheera.
Obbo Gascoigne dhungiin sun "calliseema akka itti hirkisuudha" malee tutuqqaa saalaa miti jechuun waakkateera.
Taphataan beekamaa kun kilaboota akka Niiwuu Kasil, Yunaayitid, Tootinhaam, Reenjarsii, Midilsiboroofi Everteniif sarara gidduurra taphachuun beekama.
Yeroo dhimma ittiin himatame kana raawwatu Barmiingihaamirraa gara Niiwuukasil Hagayya 20, 2018 ilma obboleessaa isaa waliin imalaa ture.
Namoonni baabura keessa turan yeroo isa waliin suura ka'uufi akka isaaf yaadannoo mallatteessaniifi isa gaafatanitti, namni tokko waa'ee dubartii sanaa dubbate. Taphataan kun sagalee namichaa malee abbaa dubbate hin argine ture.
Namni kun dubartii sanaan akkas jedhe: "Suura ishee maal itti goota, maal siif godha? Isheen furdoofi fokkistuudha," jedhe.
Obbo Gascoigne abbootii murtiif yeroo yaada isaa kennu duraan ulfaatinni isaa dabaluun rakkaachaa akka turee himuun isa yaadatee "yeroo waan isheen jedhan dhaga'u" ishee jajjabeessuun akka ofitti amantummaa hin dhabneef jecha ishee cinaa taa'e.
Akkas jechuunis akka isheetti dubbate mana murtiitti hime: "Ati furdoofi fokkistuu miti, ati bareedduudha iittn jedhe."
Dhaddacha dura dhaabatee yeroo dubbachaa jiru miira keessa galuun imimmaan itti dhufee jennaan keessummeessituun waan ittiin ofirraa qoorfatu kennaafii turte.
Abbootiin murtiis suurawwan wayita Obbo Gascoigne dhungachaafi dhungatamaa jiru agarsiisu taphattoota kubbaa miilaafi deggertootaan kennameeraafi.
'Shamarree furdoon dhungadhe'
Abbootiin murtii amala Obbo Gascoigne yeroo poolisiin isa to'achuuf deemetti machaa'ee agarsiisaa turellee quba qabu. "Miira machii keessa ta'uun" warra bakka inni dhugaa jirutti isa to'achuuf dhufan waliin dubbate dursanii dhaga'aniiru.
Yeroo yakka itti shakkame kanaaf poolisiin to'annoo jala isa oolchu hoteela taa'ee biiraa dhugaa ture.
Qondaalli poolisii isa to'achuuf deeme maal akka inni dubbate abbootii murtiitti himeera. Gascoigne qondaala poolisii PC Moody jedhamutti: "Maaliif akka na qabuuf dhufte nan beeka; shamarree furdoo tokkon dhungadhe," jedhe.
Ragaan mana murtiitti irratti dhiyaate Obbo Gascoigne "dirqamaafi miira maal nadhibeen" machii keessa ta'uun dubartii hidhii keessa dhungate. Dubartiin dhungatamte kunis "baayyee rifachuun hedduu itti dhaga'ame".
Taphataan kubbaa miilaa duraanii beekamaa Gascoigne yeroo ammaa kana Leester keessa kan jiraatu yoo ta'u himanna tuttuqqaa saalaa isarratti dhiyaate kana haaleera.
Dhimmi himannaa kun itti fufeera.














