Maadiriiditti namichi qaama dubartoota uffati irraa soqolame viidiyoon waraabe himatame

Namoonni yakki kun irratti raawwatame hedduun geejiba baaburaa lafa jalaa Maadiriid keessattidha

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni yakki kun irratti raawwatame hedduun geejiba baaburaa lafa jalaa Maadiriid keessattidha
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Biyya Ispeen Magaalaa Maadiriiditti namichi dubartoota wandaboo gaggabaabduu uffatan 550 ol ta'an soqoluun viidiyoo kaasee toora intarneetiirratti gadhiisaa ture tokko to'annaa jala oolfame.

Namni umuriin isaa ganna 53 ta'eefi lammii Kolombiyaa ta'e kun, viidiyoowwan kanneen bilbila mobaayilaa borsaa dugdaatti baatuutti dhoksaan waraabaa ture jedhameera.

Poolisiin akka jedhetti, namichi kun hanga ammaatti viidiyoowwan 283 ta'an fuula marsariitiiwwan saal-qunnamtiirratti gadhiisuun daawwattoota miliyoonaan lakkaa'aman akka daawwatan taasiseera.

Baayyeen dubartoota 555 ta'an yakka kanaaf saaxilaman, ijoollee kanneen umuriin isaanii xixiqqoo ta'an yoo ta'an, innis sirna daandii baaburaa lafa jalaa magaalaa guddittii irratti kan xiyyeeffatame.

Namichi kun guyyaa guyyaan dubartoota soqoluun kan himatame ganna darbe yeroo viidiyoo waraabe toora interneetaarratti fe'uu jalqabeeti.

Kana malees, suppar maarketii keessattillee, yeroo tokko tokko ammoo viidiyoo qulqulluu ta'e waraabbachuuf jecha namoota irratti xiyyeefatetti of beeksisuun hojii yakkaa kana hojjetaa ture jedhameera.

Kanarraan kan ka'een poolisiin shakkamaa kana duukaa bu'ee osoo hordofuu daandii baaburaa lafa jalaarratti wayita inni dubartii tokko viidiyoo waraabu argee harkaafi harkatti to'annaa jala oolcheera.

Viidiyoo tiwiitera irratti gadhiifame irratti, Poolisiin Biyyaalessaa shakkamaa kanaan "Nama hunda caalaa kabaja icciitii dubartootaa diigeedha" jedheera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Atattamaan wayita mana shakkamaa kana sakatta'anittis polisoonni laaptooppiifi meeshaalee viidiyoowwan dhibbaan lakkaa'aman irratti kuufatan arganiiru. Fuulli marsariitii namicha kanaas hordooftoota galmaa'an 3,519 qaba.

Shakkamaan kun yeroo ammaa kana mana hidhaa jira.

Ginaa Martiin

Madda suuraa, AFP

Ispeen keessatti, soqoluun akka miidhaa qunnamtii saalaa gessisuutti waan ilaalamuuf yakkamaan kun hidhaan cimaan isa eeggata.

Soqoluun kun erga dhiyoon asitti biyyoota Ingilaandiifi Weelsi keessatti akka yakkaatti fudhatameera. Kunis kan ta'e, erga dubartiin barreessituu taate Ginaa Maartiin jedhamtuun gochichi kun akka dhaabbatuuf duulli taasifteen boodadha.