Poolisiin Naayijeeriyaa 'warshaa daa'immani' Leegoos keessarratti tarkaanffii fudhate

Maxxanfame

Poolisiin biyya Naayijeeriyaa magaalaa guddiittii biyyattii Leegoos keessatti ''warshaa daa'imaa'' jedhamuun iddoo beekamu keessaa dubartoota ulfaa 19 baasuu hime.

Dubartoonni gadhiisifaman kunneen irra caalaan kaayyoo 'ulfeessuun wayita dahan ammoo ijoolleesaanii gurgurachuutiif'' kan butamaniidha, akka ibsa poolisiitti.

Dubartoonni akka narsiitti osoo hinleenjii'iin hojii baqaqsuun wallaanuu hojjatan lama kan to'ataman yoo ta'u, namni shakkamaan gochicha kana duuba ture baqateera.

Poolisiin akka jedheetti, daa'imman dhiiraa hanga doolaara 1,400tti kan gurguraman yoo ta'u, dubartootni ammoo doolaara 830 baasu.Kana malees daa'imman kunneen gara biraatti kan dabarfaman yoo ta'u, eenyu akka bituuf namooni bitan eessatti kan argaman t'u wanti barame hinjiru.

Odeessi ''warshaa daa'immanii'' jedhu kunis Naayijeeriyaa keessatti oduu haaraa miti. Tarkaanfiiwwan akkanaa baayyeen fudhatamaniiru. Bara darbes tarkaanfii fudhatameen daa'imtii 160 ta'an baraaramanii ture.

Amma ammo daa'imman afur baraaramaniiru.

Dubartoota kanneen maaltu mudate?

Shamarran warshicha keessaa baraaraman kan umuriinsaanii waggaa 15- 28 jidduutti argamu yoo ta'u, hojii isin qaccarsiisna jedhamuun kutaa biyyattii garaa garaa keessaa gara Leegoosiitti fidaman.

Haa ta'u malee erga fidamaniin booda akka qabeenyaatti qabatamuun quunnamtiin saalaa irratti raawwatama.

Shamarran baraaraman keessaa tokko barruu biyyattii 'Vanguard' jedhamutti akka himteetti ''buufata awutobisiitii dubartii tokkotu dhufe na fudhee as na galche'' jette jirti.

''Guyyaa itti aanu ammo, giiftii keenyaan hanga waggaa itti aanuutti dallaa sana keessaa ba'u akka hindandeenye natti himame,'' jette jirti.

''Hanga ammaattis dhiiroota torba waliin ciseera osoon ulfa ta'u kiyya hinbariin dura. Dahumsaan booda maallaqa baayyeen akka naaf kanfalamu natti himameera.''

Dubartiin rakkinni kun irra gahe kan biraa BBC'tti akka himteetti, fedhii ishe malee qabamuun akka mucaan ishee gurguramuuf jiru erga barteen boodas bahuuf wayita jettuutti dhorkamushee himte jirti.

Akkasumas kan biraammoo bilbilliifi maallaqnishee harkaa fudhatamuun osoo dhukkubsataa jirtullee mana yaalaa deemuu akka hindandeenye akka itti himame dubbatti.

Dubartoonnii fi daa'imman kunneen amma manni kennameef boqachaa jiru jedhe poolisiin biyyattii.