Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naayijeeriyaa: Poolisiin namoota 'kutaa dararaa keessa turan gadhiisise
Tarkaanfii tasaa polisoonni Naayijeeriyaa fudhataniin namoonni dhibbaan lakkaahaman mana dararaa keessaa gadhiisifaman.
Akka poolisiin biyyattii beeksisetti namoonni hanga 500 gahan gamoo kaaba magaalaa Kaadunaa jedhamtu keessatti ugguramanii dararaa hamaaf saaxilamaa turani jedha.
Namoonni gadhiisifaman kunneen dhiirota yoo ta'an, hedduun isaanii cancalaan hidhamanii turan.
Ajajaan poolisii magaala Kaadunaa Ali Janga, BBC'tti akka himetti, eeruu fi shakkii argataniin gamoo kana sakatta'anii arguu himan.
Manni kuni "mana dararaati" jechuun kan himu qondaalichi gochi kuni daldala dhala namaatiin walqabata jedha.
Namooni mana dararaa kana keessaa gadhiisifaman hundi lammiilee Naayijeeriyaa ta'uu baatanis, dararaa cimaa, qunnamtii saalaa dirqamaa fi nyaata dhabuudhaan adabamaa turuu himan.
Namoonni achii bahan hedduun akkamitti akka achi seenan beekuu baatanis, daa'imman muraasni garuu gamoon kuni bakka mana barumsaati jedhamanii akka achi geeffaman himu.
Poolisiin garuu gamoon kuni mana barumsaa turuu isaatiifuu ragaa qabatamaan hin jiru jedheera.
Namoonni shakkaman saddeetis too'annoo jala oolaniiru.
Hogganaan Poolisii magaalitti akka himetti, namoonni gadhiisifaman kunneen reebichaa fi hanqina nyaataatiin miidhamaaniiru jedhu.
Hanga maatiin isaanii barbaadamee walqunamsiisanittis Istaadiyeemii magaala Kadunatti qubsiifamanii jiru.
Angaa'anni Naayijeeriyaa namoota dararaa keessaa gadhiisifaman kunneenif deeggarsi yaala fayyaa fi xinsammuu akka kennamuuf himanii jiru.