Reeffi Mugaabee mormii tureen booda magaalaa dhalootaa isaaniitti awwaalamuuf

Giifti duree duraanii Zimbaabuwee Girees Mugaabee

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Jalqaba giifti duree Girees Mugaabeen bakka abbaa warraa ishee buuti jedhamee yaadamee ture.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Reeffi Rooberti Mugaabee falmii bakka awwaalchaa isaanii irratti mootummaa fi maatii isaanii gidduutti ka'een booda magaalaa dhaloota isaaniitti akka awwaalamuuf murtaa'e.

Mugaabeen umurii ganna 95'n ji'a kana keessa kan boqotan yoo tahu sirni gaggeessaa isaanii raawwateera.

Mootummaan gaaffii maatiin isaanii bakka dhalootaa isaanii naannoo Ziimbaa jedhamutti akka awwaalamuuf gaafatan didee ture.

Bakkichis bakka seenaa qabeessa biyyaalessaa fi awwaalcha goototaati.

Maatiin xumura irratti bakka mootummaan jedhetti waliigalanis booda mootummaan Zimbaabuwee yaada isaa jalqabaa kaasuun gaaffii maatiin dhiyeessan simateera.

Maaltu murtoo isaanii akka jijjiraniif sababa tahe kan jedhu wanti barame hin jiru. Amma bakka awwaalcha goototaa magaalaa dhalootaa isaanii keessa jirutti maatiin siidaa ijaarsisaa jiru.

Ibsa kenname irratti ministirri Odeeffannoo Zimbaabuwee Niik Maningawa jijjiramichi akkaataa danbii jiruun fedhii maatii goota du'ee kabajuu qabna waan taheef murtoo jalqabaa kaasne jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Mugaabeen osoo Singaaporitti dhibee kaanserii irraa yaalamaa jirani ture kan boqotan.

Ergasii maatiin mootummaa haala awwaalcha isaa irratti nu hin mariisifne jechuun komataa turan.

Iddoo seena qabeessa si bakka awwaalchaa goototaatti sirni awwaalchaa raawwachuu qaba jechuun kan mootummaan murteesse maatiin hin fudhanne ture.

Erga jaala isaa Emersen Maninguwaadhaan aangoo irraa kaafameen booda maatiin mootummaa ammaa waliin hariiroo gaarii hin qaban.

Kun waldhabdee uumameef sababa tahuu danda'as jechisiiseera. Mugaabeen erga Zimbaabuween birmadummaa ishee argattee pirezidaantii jalqabaa tahuun waggoota dheeraaf bulchaa tureera.