Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaan ajjeechaa raawwatameef hooggantoota himachuuf
Sudaan ajjeechaa mormitootarratti Waxabajjii 3 raawwatameef hoggantoota waraanaa saddeet yakka namoomaan himachuufi.
Abbootiin alangaa mootummaa, ajjeechaa yoo xiqqaate namoonnii 87 ta'an magaala guddoo biyyattii Kaartuum keesatti qofa itti ajjeefaman erga qoratanii booda himata banuuf ta'uu beeksisan.
Rogeeyyiin mormitootaa lakkoofsi namoota ajjeefamanii 130'tti siiqaa jedhu.
Bu'aa qorannoo abbootii alangaatti itti hinquufne kan jedhan rogeeyyiin mormitootaa, mormii haaraa eegaluuf jedhu odeessi jedhu dhagaahamaa jira.
Mormitootni hedduun ji'a darbe kan ajjeefaman humni waraanaa aangoo dabarsee hanga kennutti manatti hin gallu jechuun mormii dhageessisaa wayita turan dhukaasa isaanirratti banameeni.
Akka waliigaltee haaraa mormitootaa fi humna waraanaa gidduutti raawwatameen mootummaan haaraan erga hundaa'ee booda qorannoon walaba ta'e ni gaggeefama.
Seera waraanaa Sudaaniin, yakki namoomaa (crime against humanity) du'aan nama adabsiisuu danda'a.
Walitti qabaan koree yakka raawwatame kana qoratuu Fath al-Rahman Saeed, qubee jalqabaa yakka kanaan aangawoota shakkamanii dhahanii maqaa garuu hin dhoofne.
Aaangawoonni waraanaa sadii ajaja fudhachuu diduun qaamoleen nageenya gara bakka mmomritootni walittii qabamanii mormii isanii dhageesisanitti akka imalan taasisaniirus jedhaniiru.