British Airways balaliinsa Kaayirootti taasisu hunda haqe

Maxxanfame

British Airways balaliinsa gara magaalaa guddoo Masrii, Kaayirootti taasisu hunda ''of eeggannoo nageenyaaf'' jecha torban tokkoof haqeera.

Imaltoonni daandii xayyaarichaan gara Kaayirootti imaluuf Buufata Xayyaaraa Heathrow'tti argaman, balaliinsi akka haqame itti himame. Kana malees torban tokkoof filannoon biroo akka hinjirres itti himame.

Daandiin xayyaarichaa rakkoon nageenyaa maal akka tahe hin addeessine.

Dubbi himaan Buufata Xiyyaaraa Kaayiroo BBCtti waan himan, hanga yoonaa British Airways-BA jijjiirama kana isaanitti hin himne.

Dubbi-himaan BA gamasaaniin: ''Yeroo yeroon sirna to'annoo buufata xiyyaaraa itti balaliinu maratti irradeebiin sakattaana. Kanumaanis balaliinsa gara kaayirootti goonu, ofeeggannoof jecha guyyoota torbaaf dhaabneerra.

''Nageenya maamiltootaa fi hojjettoota keenyaaf yeroo mara dursa laanna. Kun tahuu baannaan balaliinsa tokkollee hin taasifnu.''

Haaluma walfakkaatun Daandiin xayyaaraa Jarmanii Lufthansa, kaleessa (Sambata) balaliinsa Kayiroo haqeera. Haatahu malee balaliinsi Dilbata ni jalqaba jedhaniiru dubbi-himaan.

'Deebii quubsaa hin taanedha'

Dubartiin ganna 70, Christine Shelbourne - akkawootti kan ooltuuf mucaa ganna 11 waliin gara Kaayirootti imaluuf turte. Erga waa hundaa xumurtee balaliinsa sa'aa 1500'f (GMT) qophooftee booda, kaardiin qabattee jirtu, balbala banuufi dide.

Waan jette: ''Hojjettoonni achi keessaa irra deebi'uun waraqaa imalaa (boarding pass) haaraa naa kennan. Isaanis irradeebiin yaale - ammas hin hojjetu. Achiis sa'aa walakkaa booda yaalaa jedhamne.

''Haa beekanii haa dhiisanii wantin beeku hinjiru. Haa tahu malee abbaan warraa koo, balaliinsi akka haqame isaan dursee natti himee ture.

''Mucaan ganna 11 kun baayyee gaddeera. Imala kanaaf ji'oota hedduuf itti qophaawaa ture.''

Waajirri Dhimma Alaa UK lammiilee gara Masriitti imalaniif gorsa maxxansu hareesseera.

Gorsi kunis akeekkachiisa: ''Imala xiyyaaraan taasifamurratti balaan shororkeessummaa mudachuu danda'u dabaleera.''

Dhaabbachuu balaliinsaa British Airways gara Kaayirootti taasifamuun rakkoon isinirra gaheeraa? Email kana fayyadamuun seenaa keessan nutti himuu dandeessu (Afaan Ingiliizii) haveyoursay@bbc.co.uk