"Abbaan koo gara dubartiitti jijjiramee amma harmee kooti"

"Dhugumaan yeroo dhiira turte maal akka fakkaatu yaadachuu hin danda'u. Amma waggootni muraasa waan darbaniif waan haaraa hin fakkaatu.''
Shamarreen ganna 17 Mey, Charlootee waliin yeroo baay'ee daandiirra deemanii qilleensa fudhatu. Chaarloteen jalqaba abbaa Mey ture. Amma garuu saala jijjirrachuun dubartii waan taheef akka dubartiitti waamuu keenyadha.
Mey jireenya ishee maatii ishee warra dhiirota waliin dabarsite yaadachuun itti ulfaata. Sababni isaa ammoo itti miidhamtee osoo hin taane haala turte dagachaa waan dhufteef.
Kan isheen yaadattu Chaarlottee akkuma har'aa ishee kanattidha malee akka abbaa ishee ykn dhiiraatti miti.
Waggoota jaha dura Mey kutaa ciisichaa maatii ishee yommuu bantu waan jireenya ishee jijjire tokkoofi yeroo hedduu yaadatamu tokko argite.
''Yeroon kuticha banu osoo harmeen koo Chaarloteedhaaf kuulii kuulaa jirtuun yeroo jalqabaaf arge. Natti bitaacha'e. Maaltu tahaa jira jedheen of gaafadhe. Dhiiraaf kuulii kuuluun waan sirrii natti hin fakkaanne. Umuriinkoo yeroo sana waggaa 12 hin caalu. Saala jijjirachuu waan jedhus maal akka tahe iyyuu hin beeku.''

Charloteen sagalee guddaa kan qabduufi iyya jaalattu, akkasumas morma, harkaafi irree ishee guutuu irraa tumaa guutuu qabdudha.
Isheen amma nama xiyyeeffannoo argachuu jaalatudha. Haatahu malee, dargaggoo ganna 14 Joy jedhamuuf kun yeroo hundaa haala jireenya isaanii keessa ture miti.
Inni imala jireenyaa keessa darbaniifi qormaata jireenyaa guddaa yeroo Chaarloteen namoonni maal akka ishee jedhan irratti xiyyeeffachuu jalqabde isaan mudataa turee fi darbe ibsa.
''Yeroo jalqabaa sana isheen namoota waan hamaa ishee jedhan ykn waan boquu ishee cabsu dubbatan dhageessi ykn argiti ture. Torbaniif mana keessaa gadi bahuu hin barbaaddu ture. Gara isheen jirtutti deemuutu salphata.''
''Baay'ee kan nama aarsudha. Waa'ee ishee maaliif odeessitu, waan hin taanes dubbattu? Ishee dhiisaa.''
Ijoolleenshee amala kanatti baruun waan ajaa'ibsiisaa ture. Garuu wal hubannaa maatiin hundi isheef taasisaniin darbuu danda'eera. Keessumaa amma abbaa manaa ishee tahuun kan fuuteenii dubartiin Agineska jedhamtu kunuunsa addaa taasisaafii turte.

"Yeroo jalqabaa isheen saala ishee jijjiruu barbaadde sana baay'ee ulfaata ture.''
Chaarloteefi abbaan warraa ishee ammaa Agineska jedhamtu yeroo jalqabaaf yeroo dhabbata tokkof hojjetaa turan Jarmanitti wal argan. Jarman yeroo turan bakka hojiidhaa bahanii bakkeetti yeroo harka isaanii tumaa qabu sanaan wal qabanii tasa jaalala keessatti kufan sana yaadatanii kolfu.
Gaa'illa waggoota 15 lakkoofsise booda gara biyya biraatti imaluu, jireenya ijoollee sadiifi jaalala ho'aan ammayyuu qaban addadha.
Gaazexessaan isaan dubbise akkas jette, guyyoota baay'ee duubatti deebi'ee yommuun yaadu, qaama kan ishee hin taane keessatti danqamtee rakkataa turte jechuudha. Kun akka gadda taa'uu wayiiti. Sababni isaas namni ati hin barbaanne si waliin waggootaaf jiraataa ture jechuudha. Amma eenyummaan jalqabaa sun deemee namni haaraan tokko achii as baheera jedchuudha.

Madda suuraa, Google
Ijoolleen dhalatan hiriyyoota isaaniin itti qoosamuu dhabuun waan haaraa tokkodha. Mucaan ganna 14 Joy jedhamu haalli jireenya maatii isaa waan barame tahuu baatus gaarii tahuu dubbata.
''Dhugumaan nuyi carraa qabeeyyiidha. Maatiiwwan saala isaanii jijjirattan baay'een qofaa jiraatu. Manaa hin bahan. Harmeenkoo immoo yeroo hedduu Charlotee gargaarti. Akka isheetti bareedu deggarti.''
Maatiin kun waliin tahuun bashannanaaf gara qarqara galaanaa deemuun yeroo dabarsu. Kun ammoo akka ijoollonni yeroo dheeraa bakka tokko taa'anii hin dabarsineef akka tahes himu.

Chaarlotteen saala jijjirachuun akka sammuu maatii miidhuu danda'u himtee amma bu'a bahii hedduu akka darban himti.
Meey ammoo haalichaan homaa akka hin miidhamne himti.
Namni jireenyi ishee akka malee gadi bu'ee fi manaa bahuu hin barbaanne har'a gara nama namootaan ilaalamuu fi namootni akka irratti xiyyeeffatan gochuutti ce'uun dinqisiisaadha. Charlooteen nama seenaa ishee fi gaarummaa ishee adunyaaf qooduu barbaadduu fi namoota gammachiisuu feetudha.''
''Ani waan isheen hojjetee fi dubartii akka kanaatti jijjiramuusheetti nan boona.'' jette Mey.














