Ibidda saafaa Kaaliforniyaa: Lakoofsi namoota badanii 631 gaheera

Lubbu baraartonni mana gubate bade keessaa lubbuu namaa yeroo barbaadan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Ibidda saafaa Kaaba Kaaliforniyaan lakkoofsi namoota achi buuteen isaanii bade 600 ol yeroo gahu, reeffi namoota torbaa akka argame qondaaltonni naannichaa himan.

Erga gaafa Kibxataa lakkoofsi namoota achi buuteen isaanii bade dachaan dabaleera.

Ibiddi bakka kaampiidhaa walqabate yoo xiqqaate namoota 63 ajjeseera. Gamoowwan 12,000'tti siqan badaniiru.

Namoonni gar-biraa sadiillee ibidda bakka biraan du'aniiru.

Pirezidant Donaald Tiraamp Sambata boru garasitti kan imalan yoo ta'u miidhaa gahe ni daawwatu, jara rakkoon dhaqqabes dubbisu jedhamee eegama.

Ibidda dhaamsitoonni 9,400 ta'an bulchiinsa Kaaliforniyaatti ibiddaan walqarqabaa jiru.

Ibiddi kaampii keessaa guyyaa saddeeti dura ka'e bubbeen humna makatee gara Kaaba Kaaliforniyaatti faca'uun ummanni akka baqatuuf yeroo osoo hin kenniin balaa guddaa geessiseera.

Dippaartimantiin ibidda Kaaliforniyaa irraa Ken Pimlot akka jedhanitti hanga yoonaa dhibbantaa 40 to'ataniiru.